OROMIYAATTI  DUGUUGGAA  SANYII  FI  YAKKA  WARAANAA

<strong>OROMIYAATTI  DUGUUGGAA  SANYII  FI  YAKKA  WARAANAA</strong>

Ummatni Oromoo haleellaa xayyaaraa fi waraana Biltsiginnaan akka malee miidhamaa jira

OROMIYAATTI  DUGUUGGAA  SANYII  FI  YAKKA  WARAANAA

Guyyaa irraa guyyaatti ajjeechaawwan suukanneessoon Oromiyaa keessatti babal’ataa jiraatus dhageettiin isaa gadi bu’aa deemuutti jira. Oromoon guyya guyyaan osoo ajjeefamuu waliif birmachuu hanqataa jira. Kan Oromoon waliif hin birmanne alagaa fi hambi  ammoo rakkoo Oromoon keessa jiruuf dhageettii qabaachuu hin danda’u. Akkuma abbaan iyyatu ollaan birmata jedhamu, yoo Oromoon kutaa hundaa waliin ka’ee duguuggaa sanyii isa irratti raawwatamaa jiru balaaleffatee fi diina yakka waraanaa isa irratti raawwatutti fincilee dha kan addunyaan xiyyeeffannoo kenniteefii dhaggeeffattu.

Murni Biltsiginnaa kan gara laafina tokko malee guyyuu Oromoo ajjeesaa oolu, Diroonii fi xiyyaara waraanaa MIG 29’iin Meettaa Walqixxee, Cobii fi Nuunnuu Qumbaatti torbanoota dura ummata rukutaa turuun ni yaadatama. Sadaasa 01, 2022 irraa eegalees Onoota Wallagga Lixaa kanneen akka Mana Sibuu, Qilxu Kaarraa fi Biilaa xiyyaaraan rukutuun daa’imman, hawwanii fi maanguddoota osoo hin jedhiin ummata jumlaan ajjeesaa jira. Magaalota Biilaa fi Mandii qofa keessatti namoonni 180 ol halleellaa humna qillernsaatiin ajjeefamaniiru. Dhibbootaan ammoo madaa’aniiru.

Walumaagalatti ji’a tokko kan hin caalle gidduutti Gidoonota Lixa Shaggarii fi Wallagga Lixaa keessatti yo xiqqaate namootni siviiliin 300 ol haleellaa xiyyaaraa kanaan ajjeefamaniiru. Hanga guyyaa har’aan tanaatti, gandeen qonnaan bultoota Oromoo xayyaaraan reebamaa jira. Lubbuun ba’aa, qabeenyi manca’uu irratti argama.

Humna qilleensaatiin alattis, waraanni PP mana hidhaa keessatti, akkasumas daandii irratti ummatatti dhukaasuun duguuggaa sanyii ummata Oromoo irratti raawwataa jiru. Fulbaana 01,2022 Godina Lixa Wallaggaa Ona Qilxu Kaarraatti namoonni 18 mana hidhaa keessatti waraana Biltsiginnaatiin ajjeefamaniiru.  Yakki waraanaa kun Oromiyaa godinoota adda addaa keessatti irra deddeebiidhaan raawwatamaa jira.

Salaalee Ona Warra Jaarsootti baatilee muraasa dura namoonni 18 bakka tokkotti ajjeefamanii lagatti gatamuun ni yaadatama. Ada’a Bargaattis namoonni 40 tahan haaluma walfakkaataadhaan baruma kana keessa  ajjeefaman. Abuuna Gindabarat, Kuyyuu, Ilfata, Dagamii fi  Onoota Oromiyaa garagaraa keessatti taateen suukanneessaan kun ilmaan Oromoo irratti irra deddeebiidhaan raawwatamaa jira. Dhiheenya Salaalee Ona Wacaalee magaalaa Gumbichuutti qeerroo Buttaa Alamuu jedhamu haala nama gaddisiisuun jiraatti fannisanii ajjeesan. 

Onoota daangaa Amaaraa irratti argaman kan akka Amuruu, Jardagaa Jaartee fi Kiiramuu faa keessatti ammoo finxaaleyyii Amaaraa murna PP’tiin leenjifamanii hidhachiifamaniin ummanni Oromoo dhibboota hedduun lakkaawamu ajjeefamee, kuma dhibbaan kan lakkaawamanis qe’ee isaanii irraa buqqa’anii magaalota keessatti beelaa fi dheebuun, akkasumas aduu guyyaa fi qorra halkaniin rakkachaa jiru. Lafaa fi qabeenyi isaanii alagaadhaan dhuunfatamee jira.

Duguuggaan sanyii fi yakkoonni waraanaa yommuu ilmaan Oromoo irratti raawwatamu kanatti Oromoon akka duraaniitti Bahaa fi Lixaan, Kaabaa fi Kibbaan, hundi waliin ka’ee finciluu fi waliif birmachuu maaltu hanqise? Kana irra kan caalu maaltu hanga dhufu ykn raawwatamutu eegama? Waliif rifachuu fi waliin dhaabbachuu maaltu dhorke? Akki kun aadaa fi bartee Oromoo miti.

Oromoon tokkummaan falmatee hanga gahu diinatti agarsiisees beeka. Oromoon Tokkummaa fi Gamtaadhaan beekama. Dhibee walii waliif dhukkubsata. Diina Oromoo fi Oromiyaa faraqaadhaan fixaa jiru wal irratti ilaaluun amalaa fi duudhaa Oromoon ittiin beekamu miti. Akkuma diinnis firris isa beeku, duudhaa irree tokkummaatiin falmachuu isaatti deebi’uu qaba.

Miidiyaaleen Oromoof sagalee taana jedhanis ajjeechaa suukanneessaa, yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwatamaa jiru kana yeroo yeroon jala bu’anii hordofuun addunyaatti dhageessisuu qabu. Yoo gamtaa fi tokkummaadhaan falmanne malee roorrisaa guyyuu nu ajjeesu of irraa fonqolchinee biiftuu bilisummaa arguu hin dandeenyu.

1 comment
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

1 Comment

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO