ABOn KAAYYOO dha. Kaayyoon kun ammoo Oromoota miliyoonota hedduu keessatti mana ijaarrateera. Kan hojii ABO hojjetu kumaa kitila. Warri hidhaa fi ajjechaa akka furmaataatti fudhatanii ABO irratti xiyyeeffatuun ganamaa galgala shiran abadan hin milkaa’an.
Miseensotni Hogganaa ABO Mana Hidhaatti Argaman Dagatamuu Hin Qaban!
Yakka raawwatan hin qaban; waan bal’eessanis hin qaban. Warri isaan hidhate ilaalcha siyaasaa isaanii, ejjennaa kaayyoo isaan qabaniif diinomsatan. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hoggana, qondaalaa fi miseensa isaa yo hiine takaaluu dandeenyaan hidhaa filatan; achi irraa ajjechaatti tarkaanfatan. Hojiin namaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) takaaluus gaadi’uus hin danda’u.
ABOn KAAYYOO dha. Kaayyoon kun ammoo Oromoota miliyoonota hedduu keessatti mana ijaarrateera. Kan hojii ABO hojjetu kumaa kitila. Warri hidhaa fi ajjechaa akka furmaataatti fudhatanii ABO irratti xiyyeeffatuun ganamaa galgala shiran abadan hin milkaa’an.
Wacaa fi burjaajii har’aan kan afanfajjawe jiraatullee, karaan dhugaa fi qulqulluun karaa ABO ti. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Oromoof waa hundaa ti. Dhugaa beekanii fudhatuu fi liqimsuun ulaagaa namummaa keessaa isa tokko. Kan gabaa siyaasaa yeroo ammaa dantaa bubuutuu fi bu’aa mataa ofiif namnuu walitti yaa’uun iji itti jaamee fi gurri itti duude yo jiraate dhugaa kana hubatuuf jira. Warri ABO hin jaallatne, masaanuun dhaabichaa dhugaan mooraa ABO jiraachuu waan beekaniif danquuf duula irratti geggeessu.
Akka duula karaa hundaan bara Darguu fi Wayyaanee/EPRDF ABO irratti duulameetii dhaabichi hafee hojii qabsoo itti hin fufu ture. Addi Bilisummaa Oromoo dandamatee ni hafa jedhee kan yaade xiqqaa ture. Garuu ABOn ni jiraate; jiraatuu qofa osoo hin taane hojjetee kaayyoo BILISUMMAA lafa qabachiise. Baraa baratti dhalatoota barsiisaa fi qaraa har’aan tana hundumaaf afaan saaqeera. ABOf galatatu mala malee, diinomstuu fi itti duulamuun hin malleef, Warra ofiif aarsaa ta’anii Oromoo asiin ga’aniif Galata! Seenaan bara baraan isaan kaasa!
Kanaaf Oromoon hogganoota, qondaalotaa fi miseensota dhaaba isaa ABO mooraa diinaa keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiran irraanfatuu osoo hin taane, yaadatuu qaba. Isaan warra haqa osoo qabanii haqi isaanii awwaalamee jireenyi isaanii mana hidhaa ta’ee jiru waan ta’eef, sagalee isaan barbaachisa. Haqi isaanii iddoo argatee jireenya mana hidhaa irraa bilisa ba’uu dha qaban. Oromoon deggersaa fi sagalee isaan kana gochuu waan danda’uuf, sochiin gama hundaa itti haa fufuun dhaamsa keenya guyyaa har’aa ti.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *