Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruutti haleellaan ummata nagaa irratti deemsisamaa jira
๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐ ๐๐ ๐๐ง๐ ๐๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ง๐ข ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐๐ ๐๐ข ๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐๐ง๐ข๐ข ๐๐ข ๐ช๐๐๐๐๐ง๐ฒ๐ข ๐๐๐ซ๐๐๐๐๐๐ฐ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐.

Oduun naannoo sanaa baโaa jiru akka hubachiisutti, hidhattootni mootummaa fi humni Faannoo waltaโuudhaan Godina Wallagga Bahaa Ona Amuruu gandoota hedduu keessatti kaleessaa qabanii weerara balโaa ummata irratti bananii kan jiran yoo taโu, namootni baayโeen duโaniiru; manneenii fi qabeenyis barbadaawaa jira.
Ona Amuruu gandoota Hagamsaa, Irroo, Somboo Kumii, Digaluu Sutee, Kattaa Alii fi kkf keessatti waraanni mootummaa uffata siviilii uffachuun humna Faannoon waltaโee nama ajjeesaa fi manneen gubaa jiru jechuun ifa godha oduun kun.
Guyyaa kaleessaa ollaa Amuruutti kan argamtu magaalaa guddoo Ona Jaardagaa Jaartee kan taate Aliboo weeraruun ummata nagaa irratti waraana bananiin lubbuun namoota baayโee darbeera; manneenii fi qabeenyi hedduun hanga ammaa gubataa jira.
Humni waloo waraana mootummaa uffata siviilii uffatee fi Faannoo kaleessa magaalaa Aliboo barbadeessan harโa ganama irraa kaasanii toora Ushoo Barjiitti haleellaa fakkaataa ummata irratti bananii jiru.
Harโas ganamaan magaalaan gubachaa jira kan jedhan maddeen, eenyu akka duโee fi jiru illee adda baasuun hin dandaโamne erga jedhaniin booda, ummatni baayโinaan buqqaโaa akka jirus hubachiisu. Ummatni keenya hanga dandaโe akka of baraaruufis dhaamsa dabarsaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *