๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐†๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐–๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š๐š ๐Ž๐ง๐š ๐€๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐ง๐ข ๐š๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐ช๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ข ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐๐š๐š๐ฐ๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruutti haleellaan ummata nagaa irratti deemsisamaa jira

๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐†๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐–๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š๐š ๐Ž๐ง๐š ๐€๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐ง๐ข ๐š๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐ช๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ข ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐๐š๐š๐ฐ๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š.

Suuraan kun google map irraa kan fudhatame

Oduun naannoo sanaa baโ€™aa jiru akka hubachiisutti, hidhattootni mootummaa fi humni Faannoo waltaโ€™uudhaan Godina Wallagga Bahaa Ona Amuruu gandoota hedduu keessatti kaleessaa qabanii weerara balโ€™aa ummata irratti bananii kan jiran yoo taโ€™u, namootni baayโ€™een duโ€™aniiru; manneenii fi qabeenyis barbadaawaa jira.

Ona Amuruu gandoota Hagamsaa, Irroo, Somboo Kumii, Digaluu Sutee, Kattaa Alii fi kkf keessatti waraanni mootummaa uffata siviilii uffachuun humna Faannoon waltaโ€™ee nama ajjeesaa fi manneen gubaa jiru jechuun ifa godha oduun kun.

Guyyaa kaleessaa ollaa Amuruutti kan argamtu magaalaa guddoo Ona Jaardagaa Jaartee kan taate Aliboo weeraruun ummata nagaa irratti waraana bananiin lubbuun namoota baayโ€™ee darbeera; manneenii fi qabeenyi hedduun hanga ammaa gubataa jira.

Humni waloo waraana mootummaa uffata siviilii uffatee fi Faannoo kaleessa magaalaa Aliboo barbadeessan harโ€™a ganama irraa kaasanii toora Ushoo Barjiitti haleellaa fakkaataa ummata irratti bananii jiru.

Harโ€™as ganamaan magaalaan gubachaa jira kan jedhan maddeen, eenyu akka duโ€™ee fi jiru illee adda baasuun hin dandaโ€™amne erga jedhaniin booda, ummatni baayโ€™inaan buqqaโ€™aa akka jirus hubachiisu. Ummatni keenya hanga dandaโ€™e akka of baraaruufis dhaamsa dabarsaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO