‘US Warra Waliigalticha Gufachiisan Adabuu Fi Qoqqobbii Fayyadamuu Irraa Duubatti Hin Deebitu’
US waliigalteen waraana dhaabuuf mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti taasifame kabajamuu mirkaneessuu fi sarbama mirgoota namoomaaf itti-gaafatamni akka jiraatu gochuuf, qoqqobbii fayyadamuu irraa duubatti hin deebitu jedhan aangaโaan olaanaa Isteet Dippaartimanti tokko.

Aangaโaan Isteet Dippaartimanti olaanaa maqaan isaanii hin eeramiin tokko akka ibsanitti, buโuura waliigaltee mallattaaโeen Ertiraa fi humnoonni biroo naannoo Tigraay keessa jiran hin baโan taanaan Ameerikaan qoqqobbii kaaโuu dandeessi.
Yeroo ammaa kana waraanni Ertiraa akkasumas humnoonni Amaaraa fi Affaar Tigraay keessatti akka argaman kan himan aangaโaan US kun, waliigalteen mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay irra gahan humnoonni kunneen akka naannicha keessaa bahan kan gaafatu akka taโe yaadataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigrayy waliigaltee nagaa mallatteessan hojii irra oolchuudhaaf murannoo akka qaban dhagaโaa jirra kan jedhan aangaโaan Isteet Dippaartiment kun, waliigalteen nagaa kun akka hojii irra hin oolle warren gufuu taโan garuu adabamuu akka dandaโan ibsaniiru.
Waliigalteen nagaa kun akka kabajamuu fi hojii irra oolu, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa warri raawwatan akka itti gaafataman gochuuf โqoqqobbii kaaโu irraa duubattiโ hin deebinu jedhan.
Aangaโaan Olaanaa US Isteet Dippaartimen maqaan hin eeramne kun akka jedhanitti adeemsa waliigaltee nagaa Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee wayta odeeffannoo gaazexeessitootaaf kennanitti ture kana kan jedhan.
Aangaโaan kun ibsa bilbilaan kennaniin adeemsa waliigaltee nagaa hojii irra oolchuu maal akka fakkaatuu fi amma maal irra akka jiru ibsaniiru.
Maddi: BBC
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *