Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humnootni finxaaleyyii duguuggaa ummata irraan gaโaa turanii fi jiran quba qabeenya mootummaa fi qindoomina mootummaa Bilsiginnaan taโuun shakkiin hin jiru.
Dhumaatii Ummata Nagaa Irra Gaโaa Jiruuf Gaafatamaan, Mootummaa Federaalaa Dhumaatii Kana raawwataa fi Haala Mijeessaa Jiruu dha.
Ijoo Dubbii ABO โ Sadaasa 19,2022
Erga waggaa tokkoo as haala mulโataa hin taanee fi ifaanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ummatni nagaan qeโee fi qabeenya isaa irratti humnoota mootummaan hidhatanii fi humnoota Federalaan weeraramee dhumaatiin jumlaa fi suukanneessaan irratti raawwatamaa jira. Manneen ummataa kumootaan barbadeessamaa, lubbuun namootaa kumootaan baasamaa, qabeenyi barbadeessamaa fi saamamaa, jiruu fi jireenyi hawaasaa diigamuun, balaan hammana hin jedhamnee fi balโina qabu ummata Oromoo irra gaโeera.
Haala kanaan ummatni lafa gabbataa irra jiraataa ture, of irra darbee alagaa sooraa ture harโa sababa lafa isaa irratti itti duulameef kumoota dhibbaan qeโee irraa buqqaโee dirree irratti facaโuun hagabuu buluu fi harka namaa eeggatuuf dirqameera. Yeroo kun hundi taโu mootummaan Federaalaa biyyan bulchaa jira ofiin jedhu sirna Biltsiginnaan dursamu, dhoksaanis tahe ifaan humnoota itti bobbaasuun ummata dararuu hojii isaa godhatee jira. Dirmachuun kan dirqama itti ture humna alagaa goolessituu Faannoo jedhamtu gurmeessuu, leenjisuu, hidhachiisuu fi waraana isaa waliin walooma tolchuun yeroo gamtaan ummata kanatti duulanii duguuggaa sanyii irratti raawwatan ifaan mulโataa ture; mulโataas jira.
Addatti erga guyyoota shanii as jechuun Sadaasa 14, 2022 irraa qabee Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humni mootummaa finxaaleyyii Faannoo golgaa godhate, humni Polisii Federalaa Farra Shororkeessaa jedhamu fi Waraanni Ittisa Biyyaa Mootummaa Federaalaa waliin weeraraa fi duula balโaa ummata Oromoo irratti bananii jiraniin. Kanaanis lammiilee nagaa dhibbootaan ajjeesaa, dhibbootaan madeessaa, magaalotaa fi gandeen qabeenya waliin gubanii barbadeessaa, horii ummataa shallaguun illee nama rakkisu ooffataa jiran. Maanguddootni, hawwanii fi ijoolleen weerara humna waloo finxaaleyyii fi humnoota mootummaa kanaan akka maleetti miidhamaniiru.
Onoota Horroo Guduruu Wallaggaa kan akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee, Horroo Bulluqii fi kkf keessatti goolessitootni Faannoo fi humnootni mootummaa gariin uffata siviilii uffatanii waloon weerara geggeessaa jiran, ilmaan Oromoo nagaa qeโee isaanii keessatti dhibbootaan ajjeesaniiru. Bakka gaโan hundatti ibidda manneenitti sararuudhaan qabeenya waliin barbadeessaa jiran.
Sadaasa 16, 2022 magaalaa Aliboo irratti weerara bananiin magaalattii ibiddaan barbadeessaniiru. Magaala Jaardagaa Jaartee kan taate Aliboon hidhattoota finxaaleyyii Faannoo fi waraana mootummaa fi humnoota Polisii Federalaa ummata fakkaatanii sossohaniin haleellaan irratti geggeessamtee miidhamteetti. Yoo xiqqaate manneen ummataa 200 ol taโu magaalattii fi naannootii gubachuu ummatni ragaa baโa. Ummatni nagaan hedduutu ajjeesame. Qabeenyi baayโeetu mancaโe. Gariin ni saamame. Horiin loon, re’ee fi kkf kumootaan humna kanaan fudhatamaniiru. Aliboon alatti gandootni akka Suuxee, Digaluu fi kkf haleellaa fakkaataan irratti deemsisamee ummatni sivilii hedduutu harka bineeyyii kanaan galaafatame. Humni waloo Faannoo fi hidhattootni mootummaa kun gandoota baadiyaa hunda weeraruun barbadeessuu irratti argaman.
Humni goolissitootaa ummata Oromoo jilbeenfachiisuu fi akka sabaatti lafa irraa fixuuf sagantaa mootummaan sossohaa jiran kun, duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwataa jiran itti fufuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 18, 2022 Godina Baha Wallagga Ona Kiiramuu irratti lola balโaa bananiin magaalaa Kiiramuu guutuutti goolaniiru. Ummata nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwataa akka jiran odeessi baโu ni hubachiisa. Kanneen magaalaa Kiiramuu irratti lola balโaa ummata nagaa irratti banuun duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwataa jiran kun goolessitoota Faannoo, Waraana Ittisa Biyyaa fi Poolisoota Federaalaa farra riphee lolaa jedhaman taโuu odeessi jiru ni addeessa.
Magaalaan Kiiramuu haala ulfaataa keessatti kuftee jirti. Ummatni magaalattii fi jiraattotni gandoota itti dhihoo jiranii baayโeen akka ajjeesaman, warri humni dandaโe qeโee gadhiisee bosonatti akka baqate ibsama. Garii ammoo magaalattiima keessatti marfamanii jiraachuun hubatameera. Manneenii fi qabeenyi akka gubatan, horiin akka saamaman odeessi ummataa ifa godha. Qunnamtiin rakkisaa waan taโeef, odeessa gaโaa akka barbaachisutti argachuun rakkisaa dha.
Mootummaan Federaalaa Paartii Biltsiginnaan hogganamu dhumaatii jumlaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti, darbees Oromiyaa bakkoota adda addaatti ummata nagaa irra gahaa jiruuf gaafatamaan matuma isaa ti. Lola kana keessaa fedhii guddaa akka qabu, qindoominaan akka duukaa jiru ragaan, caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa ummata irratti lola geggeessamaa jiru kana keessatti hirmaatanii mulโatuu dha. Bulchiinsii fi kaabinootni Godinaas humnoota goolessitootaa ummata irratti lola geggeessan kanaaf dhaabbataan haala mijeessaa akka turanii fi jiran ummatumatu dubbataa jira.
Kanaaf Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humnootni finxaaleyyii duguuggaa ummata irraan gaโaa turanii fi jiran quba qabeenya mootummaa fi qindoomina mootummaa Bilsiginnaan taโuun shakkiin hin jiru. Caasaan nageenyaa mootummichaa, hidhattootni sirnichaa hanga waraana ittisa biyyaatti fi humni polisii Federalaa huccuu siviilii uffatanii goolessituu Faannoon waliin ijaaramanii fi waliin weerara geggeessaa jiran harki mootummaa Federaalaa keessa jiraachuu mirkaneessa. Kanaaf mootummaan Biltsiginnaa gaafatama jalaa kan miliqu miti.
Dhuma irratti ummatni keenya kan keessaa fi alaa waa tokko qalbifatuu qaba. Oromoon walii isaa malee kan biraa hin qabu. Gaafa rakkoos, gaafa balโoos isumatu waliif jiraachuu qaba. Waan kana taโeef, ummata keenya qeโee isaa gubbaatti humna alagaan weeraramee akka baalaa harcaโaa jiruu fi kumoota dhibbaan baqatee dirreetti hafuuf dirqameef dirmatuu qaba. Sagalee taโuufii qaba jenna. Duguuggaa sanyii dhoksaatti mootummaan ummata keenya irratti deemsisamaa jiru kana karaa dandaโame hundaan ija hawaasaa fi mootummoota addunyaatti baasaa jenna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 19,2022
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *