Qaamni Oromiyaa keessatti hidhannoon lolaa jiru kaayyoo dhaabbateef hin qabu jechuun sirrii miti kan jedhan diplomaatiin UN duraanii Obbo Baayโisaa Waaqwayyaa, kaayyoo malee namni mana isaa dhiisee bosonatti galee lolu hin jiru jechuun addeessan.
Waraana Isa Tokko Karaa Nagaa, Isa Biraa Ammoo Humnaanan Fixa Jechuun Kan Hin Baasne Taโuun Ibsame

Ogeessa Seeraa Idil-Addunyaa kan taโan Obbo Baayโisaa Waaqwayyaa Aaf-Gaaffii tibbana BBC waliin godhaniin, waraana isa tokko karaa nagaan furmaata itti soqaa, isa biraa ammoo humnaanan balโeessa jechuun kan hin deemsisnee fi hin dandaโamne taโuu akeekan.
Obbo Baayโisaan Itophiyaaf nagaa buusuun kan dandaโamu akkuma humnoota Tigraayi waliin nagaan buโe, Oromiyaa keessattis yoo waliigalteen nagaa raawwatee dha jedhan.
W๏ปฟaraana waliinii biyyoota Baha Awurooppaa qaamaan kan hordofaa turanii fi dippiloomatiin UN duraanii Obbo Baayโisaa Waaqwayyaa, humnoota Tigraayii fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti waraanni waggaa lamaaf gaggeeffame marii torbanootaan waliigalteetti dhufamuun akka isaan raaje BBC’tti himuun, I๏ปฟtoophiyaan guutummaatti kan nagaa argattu garuu Oromiyaa keessattis warra hidhannoon lolu wajjin araarri yoo bu’ee dha jechuun ifa godhaniiru.
R๏ปฟakkoon Oromiyaa keessa jiruu fi gaaffiin ka’u waraana Tigraay dura akka turee fi xiyyeeffannoo maluuf akka hin arganne kan dubbatan Obbo Baayโisaan, wayta Itophiyaa turanitti namoota alaa dhimma nagaa irratti hojjetan waliin dubbachaa akka turanii fi nama tokkoon alatti gaaffiin saba Oromoo barbaachisaa dha; furmaata argachuu qaba kan jedhu hin turre jedhaniiru.
Oromiyaa keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiru taanaan, Itophiyaan nagaa fi tasgabbii hin qabaattu; sababni salphaan ammoo waayee ummata biyyattii keessaa dhibbentaaโโ40 (40%) ti jedhan.
Isa tokko karaa nagaa, isa tokko ammoo humnaanan fixa jechuun hin taโu kan jedhan Obbo Baayโisaan, gaaffiin Oromiyaa keessa jiru hanga isa Kaabaa walxaxaa akka hin taane erga ibsanii booda, barnootni araara Piritooriyaa irraa argame mariidhaan waraana hiikuun ni dandaโama kan jedhuu dha jedhaniiru.
Qaamni Oromiyaa keessatti hidhannoon lolaa jiru kaayyoo dhaabbateef hin qabu jechuun sirrii miti kan jedhan diplomaatiin UN duraanii Obbo Baayโisaa Waaqwayyaa, kaayyoo malee namni mana isaa dhiisee bosonatti galee lolu hin jiru jechuun addeessan.
Kaayyoon lolamuuf heera biyyaan deebii argachuu akka dandaโu kan ibsan Obbo Baayโisaan, kanaaf ammoo gadi taaโanii dubbachuutu sirrii dha erga jedhanii booda, Taankii fi Marfiin nagaa fiduu akka hin dandeenye hubachiisan.
Haalli amma jiru ummata nagaa gaagaโaa jiraachuu Obbo Baayโisaa Waaqwayyaa addeessuun, mariidhumatu furmaata fida jechuun Aaf-Gaaffii BBC waliin godhan irratti yaada isaanii mulโisaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *