Godinootni Kaaba Shaggarii fi Horroo Guduruu Wallaggaa Xayyaaraan haleelaman
๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ง ๐๐ข๐ฅ๐ญ๐ฌ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐ก๐๐ ๐ ๐๐ซ ๐๐๐ค๐ค๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ซ๐๐ ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐.
Maddeen oduu akka gabaasanitti mootummaan Biltsiginnaa guyyaa harโaa Mudde 02,2022 Godina Kaaba Shaggar Warra Jaarsoo fi Kuyyuutti haleellaa xayyaaraa raawwatee jira.
Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaa Mudde 01,2022 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ganda Guduruu Gabatee irratti haleellaa xayyaaraa akka raawwate maddeen oduu ifoomsaniiru.
Haleellaa guyyaa harโaa Warra Jaarsoo fi Kuyyuutti taโee fi kan kaleessa Guduruu Gabatee irratti raawwatameen miidhaa ummata irra gaโe ammatti adda baasuun akka hin dandaโamin jiru ibsameera.
Sadaasa 27,2022 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Guduruu magaalaa Kombolchaa irratti haleellaan xayyaaraa ganamaa fi saโaa booda raawwatamuun gabaasamee ture. Haleellaa kanaan miidhaa ummata irra gaโe adda baasuun kan hin dandaโamne ture.
Sadaasa 20,2022ttis mootummaan Biltsiginna Godina Wallagga Lixaa Ona Begii bakka Lophii jedhamutti haleellaa xayyaaraa raawwateen ummata siviilii 5 ajjeesuun garii isaanii madeesse.
Sadaasa 16,2022 Godina Lixa Shaggar Ona Amboo, Waddeessaatti haleellaa xayyaaraa mootummaa Biltsiginnaan fudhatameen namootni 19 yoo ajjeesamanii 24 madaaโaniiru.
Sadaasa 15,2022 Godina Kaaba Shaggar Darraa iddoo addaa Raachoo Barreessaa jedhamutti ummata midhaan haamame tuuluuf guuraa ture irratti rukuttaa xayyaaraa raawwatameen namootni 34 yoo duโan, 41 ol madaaโaniiru.
Sadaasa 14,2022 haleellaa xayyaaraa yeroo 3f Godina Lixa Shaggar Cobii bakka Addis Katamaa ykn dhaaba doqdoqqeetti geggeesseen namootni siviilii 49 yoo duโan 67 ol madaaโaniiru.
Sadaasa 09,2022 haaluma walfakkaataan Godina Lixa Wallaggaa Ona Mana Sibuu magaalaa Mandiitti haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa raawwateen namootni 100 ol ajjeesamanii, hedduun madaaโaniiru.
Sadaasa 02,2022 Godina Lixa Wallaggaa Ona Boojji Birmajjii magaalaa Biilaattis rukuttaa xayyaaraa lammiilee siviilii irratti mootummaa Biltsiginnaan raawwatameen 80 ol ajjeesamanii, dhibbootaan madaaโaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *