Hawaasni Oromoo UK Mudde 01,2022 Londonitti hiriira mormii sirna PP irratti geggeesse
๐๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ป๐ถ ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ผ๐ผ ๐ ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ฑ๐ฑ๐ผ๐ผ ๐จ๐ ๐๐ผ๐ป๐ฑ๐ผ๐ป๐ถ๐ถ ๐ณ๐ถ ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ป๐ป๐ฎ๐๐ฎ ๐ถ๐๐ต๐ฒ๐ฒ ๐๐ถ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ป ๐ ๐๐ฑ๐ฑ๐ฒ ๐ฌ๐ญ,๐ฎ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐๐ถ๐ฟ๐ถ๐ถ๐ฟ๐ฎ ๐ ๐ผ๐ฟ๐บ๐ถ๐ถ ๐ด๐ฒ๐ด๐ด๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐ป.

Hiriirri kun kan geggeessame naannawa Waajjira Ministira Muummee Uktti yoo taโu, hawaasni Oromoo hiriira mormii baโan kunniin, haleellaa xayyaaraa mootummaan PP Oromiyaa keessatti lammiilee nagaa irratti geggeessaa jiruu fi gaagaโama lubbuu fi qabeenyaa dhaqqabsiisaa jiru mormuun balaaleffataniiru.
Haleellaan diroonii kun naannawaa manneen jireenyaa, manneen barnootaa, gabaa akkasumas bakkeewwan namoonni nagaan itti heddummaatanitti raawwatamuun lubbuu namoota nagaa dhibbootaan lakkaa’amanii dabarsaa jiraachuu mootummaa Ingilizii kan hubachiisan hawaasni Oromoo London hiriira kana irraa qooda fudhatan, mootummaan ta’e jedhee ummata nagaa irratti haleellaa raawwataa jiraachuu ifa godhan.
Mootummaan Biltsiginnaa humna lafoo fi humna qilleensaan Oromiyaa keessatti duguuggaa sanyii raawwataa akka jiru hiriirtotni kunniin addeessaniiru.
Dhuma irratti hawaasni Oromoo London hiriira mormii kana geggeesse, hawaasni addunyaa dhumaatii ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf xiyyeeffannaa akka kennu, darbees mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka geessisu gaafataniiti jiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *