๐๐š๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐๐š๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐†๐š๐ซ๐š๐ ๐š๐ซ๐š๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐๐ข๐ฅ๐ญ๐ฌ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐š๐š ๐‰๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ฎ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ ๐ ๐š๐š ๐’๐š๐ง๐ฒ๐ข๐ข ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ž๐ž๐ฆ๐ฌ๐ข๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐Œ๐จ๐ซ๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐…๐ข๐ง๐œ๐ข๐ฅ๐š ๐‰๐š๐ฅ๐ช๐š๐›๐š๐ง ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐…๐ฎ๐Ÿ๐š๐ง๐ข๐ข๐ซ๐ฎ.

Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa garagaraa irra jiran ummata keenya haala mulโ€™atee hin beekneen dhumaa jiruu fi Oromiyaa dhabamaaf geessee jirtu baraaruu fi sagalee waliif taโ€™uuf gamtaan waliin kaanee haa hiriirru jechuun yaamicha taasisan.

๐๐š๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐๐š๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐†๐š๐ซ๐š๐ ๐š๐ซ๐š๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐๐ข๐ฅ๐ญ๐ฌ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐š๐š ๐‰๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ฎ๐ ๐ฎ๐ฎ๐ ๐ ๐š๐š ๐’๐š๐ง๐ฒ๐ข๐ข ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ƒ๐ž๐ž๐ฆ๐ฌ๐ข๐ฌ๐š๐ฆ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐Œ๐จ๐ซ๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐…๐ข๐ง๐œ๐ข๐ฅ๐š ๐‰๐š๐ฅ๐ช๐š๐›๐š๐ง ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐…๐ฎ๐Ÿ๐š๐ง๐ข๐ข๐ซ๐ฎ.

Barattootni wayta mormiif hiriira geggeessan

Haaluma kanaan Mudde 05,2022 harโ€™a Barattootni Oromoo magaalaa Naqamtee Daargee dabalatee manneen barnootaa adda addaa fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ajjechaa jumlaa humni goolessituu faannoo mootummaan hidhachiisamanii fi bobbaasaman lammiilee nagaa irratti raawwataa jiran akkasumas dhumaatii waraanni mootummaa Biltsiginnaa ummata Oromoo irraan gaโ€™aa jiru mormuu fi balaaleffachuun hiriira diddaa dhoosanii jiran.

Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa 2ffaa hunda keessatti argaman, waliigalatti ammoo ummatni Oromoo kana caalaa taaโ€™ee waan eegu hin qabu; salphinni kana caalus hin jiru waan taโ€™eef, gamtaan sagalee tokkoon, dhumaatii irraa of oolchuuf kaโ€™ee falmatuu qaba jechuun yaamicha dhiheessaniiru.

Oduuma walfakkaatuun hiriirri mormii barattootaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo manneen barnootaa hedduu keessatti guyyaa harโ€™aa kan itti fufe yoo taโ€™u, godinoota Harargee fi Arsii manneen barnootaa hedduu keessatti mormiin sirna Biltsiginnaa ummata Oromoo lafa irraa fixaa jiru irratti gaggeeffamaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.

Dhaabbilee barnootaa keessatti nyaata lagachuun diddaa mulโ€™isuunis geggeessamaa jira.

Barattootni Oromoo Yunversitii Haramaayaa fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mudde 03,2022, ajjechaa, hidhaa, saamichaa fi waliigalatti dhumaatii jumlaa ummata Oromoo irratti geggeessamaa jiru balaaleffachuun sagalee diddaa dhageessisaniiru.

Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa garagaraa irra jiran ummata keenya haala mulโ€™atee hin beekneen dhumaa jiruu fi Oromiyaa dhabamaaf geessee jirtu baraaruu fi sagalee waliif taโ€™uuf gamtaan waliin kaanee haa hiriirru jechuun yaamicha gochuun isaanii kan yaadatamuu dha.

Barattootni Sadarkaa 2ffaa Abuunaa kumaan lakkaawwamanis haala hamtuu keessa taa’aanii barachuun itti ulfaannaan, ummata Oromoo guutuu Oromiyaatti dhumaa jiruuf, mufaatii fi aariin mormii fi fincilaa dhaggeesisuuf yaalaniiru.

Hedduun isaanii Sadaasa 27, 2022 ykn ALItti gaafa 18/03/2015 barnoota addaan kutanii gara mana jireenyaa isaaniitti kan galan yoo taโ€™u, barattoota Oromoo guutuu Oromiyaa keessaa baratan Sadarkaa 2ffaa fi Yunvarsitiileen hundi gamtaan akka waldhagahuun ka’anii falmatan waamicha dabarsanii jiran.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO