Gaaffii mirgaa uummanni Oromoo waggootii dheeraadhaaf karaa nagana dhiyeessa ture Paartiin Badhaadhinaa humnaa fi humna qofaan furuuf murteessuun isaa seenaa kufaatii abbootii irree mootummaawwan darbaniirra barachuu dhabuu isaa agarsiisa.
Ummata Oromoo fi Oromiyaa Baraaruuf Waamicha Waliigalaa Kongireesii Fedaraalawaa Oromoo (KFO) irraa Dhiyaate
Kongireesiin Feederaalawaa Oromoo (KFO)n erga Kongireesii Uummata Oromoo (KUO) fi Warraaqsa Fedaraalistii Dimookiraatawaa Oromoo (WFDO)n walitti makamuun qabsoo karaa nagaa eegalee harรก waggootii 13 ol taรฉe jira. Kongireesiin Fedaraalaa Oromoo qabsoo karaa nagaatti amanuun yoo aangoon karaa dimookiraatawaa taรฉen argame walitti buรญnsi kan hin jirre, mirgoota (namoomaa fi dimookiraasii) lammilee kan kabajamu fi diinagdeen biyya keenyaa guddachuun nagaa fi tasgabbii walirraa hincinne akka dhufuu dandanโamu sirriitti amana.
Buรบuruma kanaan KFOn filannoo biyyoolessaa biyya kana keessatti gaggeeffamaa turan afur (1992, 1997, 2002 fi 2007) irratti yoo hirmaatu filannoo bara 2013 gaggeeffame keessaa immoo humnaan dhiibamee bahu isaa beekamaadha. Sochii dimookiraasii fi sirna federaalizimii dhugaa gaggeessuu fi guddisuu keessatti KFOn gahee olรกanaa kan qabu taโuu uummata biyya kanaaf, mootummaawwan biyya kana bulchaa turanii fi bulchaa jiraniif, biyyoota biyya kanaa faana walitti dhufeenyaa gaarii qaban fi dhaabbilee dimookiraasii biyya keessaa fi idil-addunyaa tiif ifa dha.
Haataรบ malee bulchitoonni biyya kanaa mirgoota sabaa, sab-lammii fi uummata biyya isaanii eegsisuun karaa dimookiraasii dhugaa taรฉen filannoodhaan aangoo argachuu irraa humna qawweetiin sagalee uummataa ukkaamsuun aangootti olbahuu filachuun fedhii aangoo isaanii guuttachaa akka turanii fi itti jiran qaamolee ilaallatan hundaaf ifa dha.
Baroottan arfan darban Oromiyaa keessattis taโee Itoophiyaa maratti walitti buโinsaa fi waraana gaggeeffamaa jiraniif sababiin dursaa uummanni keenya qabsoo waggootii dheeraadhaaf sirna dimookiraasii uumamuuf fi bulchinsa federaalizimii dhugaadhaa waliqixxummaa fi bilisummaa irratti hundaaโeen taasifame gufachuun olโaantummaa paartii tokkoon kan hoogganamu sirni abbaa irree itti fufuu isaati. Balโinaa fi qabiyyee jijjiiramichaa irratti waliigaltee kan hin qabaanne miseensonni ADWUI jijjiirama bara 2010 gara kuteenyaan milkeessuurra fedhii dhiphoo aangoof qabamuun biyyittii fi uummata ishee gara waraanaa fi mancaโinatti galchuun, keessumaa, ADWUI bakka kan buโe Paartiin Badhaadhinaa dogoggora qimmiiddii siyaasa hamaa keessa ADWUI galchee ture sirreessuurraa bulchinsa abbaa irrummaa haaraa irratti feโuuf suchoโuu isaa ti. Maqaa filannoo haqa qabeessaa fi bilisaatiinis tiyaatira siyaasaa ADWUI irra deebiโuun uummata Itoophiyaa mancaatii abdii kutachiisaa keessa galchuu isaati. Waggootii walakkaa jaarraa tokkootiif gaafatamaa kan ture gaaffii uummatootaa deebisuurra mootummaa haaraa sagalee uummataa ukkaamsu taโee itti fufuu isaati.
Kanuma hordofee yeroo ammaa kana Oromiyaan waraana fi gaagaโama siyaasaa waliigalaa taโe keessa galteetti. Guyyaa guyyaan dhibboota baayโeen kanneen lakkaawaman namoonni nagaa yoo ajjeefaman kumaatamaan kanneen lakkawaman immoo sababa walitti buโinsaa fi hoongeen qeehee fi qabeenya isaanii irraa buqqaโuun deeggarsa gahaa malee beelaa fi qorraaf saaxilamaa jiru. Naannoo olla irraa kanneen kaโan akkasumas Naannoo Oromiyaa keessatti harka lafa jalaattiin kanneen ijaaramanii fi hidhatan humna milishaa, humna Faannoo fi hidhattoota Mootummaa Naannoo Amaaraan deeggaraman daaโimman, dubartoota fi maanguddoota yeroo qalan, gandoota yeroo saamani fi qonnaa uummataa yeroo barbadeessan uummanni Oromoo akkaataa heeraafi seeraatiin mootummaa itti gaafatamummaa nageenya ummataa eegsisu dandaโau hin arganne. Milishoonni kun ukkaamsuudhaan harka isaanii kanneen galshatan dargaggoota nagaa โqeerroo shaneeโโ qabanne jechuun haala suukkanneessaan erga ajjeesanii booda bifa faallaa amala namoomaafi aadaa safuu biyya kanaa cabseen akkasumaas haala waltajjii kanarratti addeessu hintolleen reeffa irratti yeroo gaโiisan (taphatan) argamaniiru. Uummatichaan โโdeeggartoota shanee fi soortoota shanee dhaโโ kanaafuu โโqurxummii qabuuf galaanicha gogsuu barbaachisaโโ jechuun lafarraan raayyaa ittisaan, humna addaa oromiyaa fi poolisii feedaraalaan akkasumas qilleensarraan humnoota biyya alaa qindeessuun xiyaara nam-maleen (diroonii), jeettii fi eelikooftar waraanaatiiin bakkeewwan gabaatti, bakka manneen jireenyaa uumata nagaarratti, manneen barnootaa, bakkeewwan sagadaa amantiiwwan adda addaa osoo addaan hin baasiiin bakka tokkotti boombii fi rookkeettiiiwwan itti roobsuun namoota nagaa fixaa jira.
Rakkoon Oromiyaa keessa jiru osoo sadarkaa kanarra hin gahin dura karaa nagaan marii siyaasaan fala akka argatuuf irra deddeebinee himaa fi gaafachaa turreerra .Humni Paartii Badhaadhinaa garuu waamicha keenya dhagahuuf eeyyamamaa taโuu dhiisuunii fi uumaticha tuffachuun rakkinicha furuuf mala waraanaa filachuun namoota nagaa duโaa fi dararaaf saaxileera. Adeemsi dogoggoraa kun waggootii afur boodallee buโaa kan hin finne taโuusarrayyuu gaagaโama siyaasaa daran akka babalโatuu fi walxaxaa akka taโu darbees akka kutaalee Oromiyaa mara irratti akka babalโatu taasiseera. Hunda caalaa ammoo qaama mala farra- okkaraa (counter insurgency) isaa kan taโe haala gaagaโamsa lammiilee nagaaf saaxiluun akka ofirraa ittisan jechuun kakaasuu fi hidhachiisuu filachuun isaa naannoo olla irraa humnoota ijaaramanii fi hidhatan gara Naannoo Oromiyaa godinoota Wallaaggaa, Shawaa Kaabaafi Shawaa Bahaa akka galanii waraana irratti akka hirmaatan gochuun Oromiyaa keessatti dhumaatii hedduuf kanneen affeeran haalawwan walitti buโinsa walwaliinii kanneen hordofsiisan akka umaman gochaa jira. Haala kana aangoo mootummaa irra kan jiru Paartiin Badhaadhinaas taโee warra cinaa isaatti walitti qabamuun Leelliftoota siyaasa hookkaraatiin dirqamuun mancaatii nageenyaa, siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi kufaatii waliigalaa biyyoolessaa kan toโatamuu hin dandaโamne uumameera.
Kanaafuu, balaawwaan waliigalaa uummata Oromoo fi Oromiyaatti akkasumas Itoophiyaatti dhufaa jiru kanarraa baraaruuf Kongireesii Fedaraalawaa Oromoon qaamolee armaan gadiitiif waamicha armaan gadii dabarseera.
1.Paartii Badhaadhinaa fi Mootummaa dhaaf:- Daandiiwwan nageenyaa hordofuurra waraana keessatti dhidhimuun tilmaamota tokko tokkoon waraana kaabatti gaggeeffameen lammiiwwan miiliyoona tokko caalan buโaa tokko malee akka dhumatan kan taasise Paartiin Badhaadhinaa dogoggora kana irraa barachuun rakkoo Oromiyaa karaa nagaan hiikuuf yaaluu irra karaa faallaan toftaa yeroon gateen oftuulummaa raayyummaatiin itti fufuuf murteessuun isaa dogoggoora seenaan dhiifama hingooneef biyyittii fi uummata ishees badii waliigalaa buโaa isaa tilmaamuun nama dhibuf saaxileera. Akkuma irra deddeebinee beeksifneetti rakkoowwan siyaasaaf fala siyaasaa barbaaduurra ejjennoo danqamaan dhiibuun daandii humnaa filateera.
Baroottan arfan darban Oromiyaa keessatis taโee Itoophiyaa maratti duโaatii lammilee nagaa gaheefi gahaa jiru barbadaaโina qabeenya fi buqqaatiin akkasumas balaa diigamisa biyyaatiif sababiin dursaa sadarkaa sadarkaan sirna feedaraalizimii sab-daneessa diiguuf yaaliiwwan taasafaman yoo taโan; dursa itti gaafatamaan daandii nageenyaa kan balfatu humna Paartii Badhaadhinaa fi garee dhaabbilee siyaasaa deeggartootaa fi gorsitoota isaa taโuu isaanii uummata Itioophiyaa maraa fi hawaasa addunyaaf jabeessinee ibsuufii barbaanna.
Gaaffii mirgaa uummanni Oromoo waggootii dheeraadhaaf karaa nagana dhiyeessa ture Paartiin Badhaadhinaa humnaa fi humna qofaan furuuf murteessuun isaa seenaa kufaatii abbootii irree mootummaawwan darbaniirra barachuu dhabuu isaa agarsiisa. Asi irratti hunduu hubachuu kan qabu dhimmi guddaan tokko ukkaamsaa, ajjeechaa fi waraana uummanni Oromoo karaa saganteeffamee fi qindaaheen irratti gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin itti qabsaahaa turullee ajjeechaa fi ukkaamsaan daran hammaachaa dhufuun, kufaatiin diinagdee buโuura jireenyaa diiguunii fi wabii nagaan jiraachuu dhabaa dhufuutiin obsa qabu fixachaa dhufuu isaa ti. Rakkoo ariifachiisaa kanaaf immoo fala nagaa fi siyaasaawwaan haammataa taโe ariitiidhaan yoo hin argamneef uummatichaa fi biyyattii balaa hamaaf saaxiluu kan dandeessisu badii waliigalaa akka uumamaa jiru hubachuun barbaachisa dha. Kanaafuu,Paartiin Badhaadhinaa ejjennoo danqamaa isaa jijjiiruun atattamaan marii dhugaa humnoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo wajjin akka taasisu cimsinee ni gaafanna.
Mootummaan Naannoo Amaaraa humnoota hidhatootta isaa Oromiyaa keessatti bobbaasee ajjeechaa suukkaneessa raawwachiisaa jiru atattamaan akka baasu; akkasumas humnoota fiinxaaleyyiitiin naannoo Amaaraa keessatti gurmaahuun daangaa ceโanii ummata Oromoo irratti haleellaa geessisan akka tooโatu ni hubachiifna.
2.Hawaasa Idila Addunyaa tiif:- Hawaasni idil-addunyaa rafama siyaasaa, waraana dhiiga dhagalaasaa, yaakkoota waraanaa fi sarbama mirgoota namoomaa biyyittii keessa jiru kuni kan hunda ilaallatu taโuu isaa hubachuun fala nageenyaa waliigalaa fi hunda haammataa taโe barbaaduurra fala kutaa biyyittii tokko qofa keessatti daanggeffamee irratti xiyyeeffachuu fi dhumaatii Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru moggeessuun sochii nageenyaa lammiilee biyyittii qixaan kan hin ilaalle, rakkoowwan walfakkaataatiif adeemsa fala adda addaa fayyadamuun balaa taโuu isaarrayyuu nageenya Itoophiya maraaf wabii taโuu kan hin dandeenye adeemsa dogoggoraa waan taโeef hatattamaan sirreeffamuu qaba. Asirratti hawaasa idil-addunyaatiif ibsuu kan barbaannu rakkoon buโuuraa biyya keenyaa kaabas taโee kibbaa tilmaamni galma gahumsa ceโumsa diimookiraasii tiif yaadame sun galma gahuu dhiisuun gaagaโama dhufe taโuun isaa jala muramee beekkamuu qaba. Kanaafuu, kanneen jaallan Itiyoophiyaa taatan hawwasni idil-addunyaa mootommaan feedaraalaa Itiyoophiyaa biyyittii mara keessatti keessumaa Oromiyaa keessa kan jiru waldhabdeewwan siyaasaa karaa humnaa irra marii fi karaa nagana hiikuuf ejjennoo danqamaa isaa irratti jijjiirraa yaadaa akka taasisuuf dhiibbaa siyaasaa barbaachisaa taโe akka taasiftan ni gaafanna.
Keesumaa, Waltaโinsa Misooma Biyyoota Gaanfa Afriikaa (IGAD), Gamtaa Afriikaa (AU), Gamtaa Awurooppaa (EU) fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) uummata qabsoo ofirraa qolachuu(self-defense) gaggeessu deeggaruu fi bukkee dhaabbachuun mootummoota abbaa irree yakkoota idila addunyaa namooma irratti raawwatan balaaleffachuun gahee keessan waan taโeef yeroo ammaa biyya Itoophiyaa keessatti mootummaan Badhaadhinaa bifa qindaahee fi tarsiimaayeen yaakkoota idil-addunyaa namooma irratti raawwatan uummata Oromoo irratti duulaan gaggeessaa jiru kana hubachuun gochaa mootummaa Badhaadhinaa kanarratti dhiibbaa taasisuun akka uummata Oromoo fi Oromiyaa cina dhaabbatttan KFOn kabajaan waamicha isinii godheera.
3.Uummata Oromoo Maraaf:- Mootummaan Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa guutuu dirree waraanaa gochaa jira. Qabsoo haqaaf dargaggoota 5,000 ol itti gabbarte, uumamuu sirna feedaraalizimii dhugaa fi diimokiraatawaa barootaaf qabsaahaafii turte gatachiisuun gaaffiiwwan mirgaa kaasaa turte tokkoolee osoo siif hin deebisiin faallaa isaatiin waggoottaniif irratti qabsaahaa turte sirna ukkaamsaa sadarkaa sadarkaan sirratti deebisanii ijaaruuf karaa ifa taโee fi dhoksaa taโeen yaalii qindaaโaan erga eegalee bubbuleera. Sababa kanaafis, wareegama ilmaan keetiin fidde carraan jijjiirramaa butamuu isaarrayyuu balaan eenyummaakee fi jiraachuu kee si qoru fuuldura keetti danqamee jira. Balaa ija baasee sitti dhufe kana tokkummaakee eeguun bifa qindaahee fi ijaarameen mataakee, qeโee kee, ganda kee, fi naannoo kee walumaagalatti Oromiyaa dammaqinaan akka eegdu, kallattii maraan walii birmachuudhaan walbira akka dhaabattufi walgargaaruun yeroo qormaataa kana darbuu akka dandeessaniif KFOn waamicha qabsoo isinii taasiseera.
4.Humnootaa Siyaasaa Haqaan Oromoof Qabsaayaniif :- Dhumaatii, cunqursaa fi salphinni uummata Oromoo irratti hanga harโaa gahaa jiruf sababiin duraa cimina humna cunqursitootaa osoo hin taane walqoqoodditii humnoota siyaasaa Oromooti. Dhugaa kana sirriitti hubachuun garaagartummaa siyaasaa xixxiqaa cinatti dhiisuu dhaan balaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuun uummata keenya fuundara dhaabbatee jiru kana haala dandeenyuun iddoo dandeenyutti waloodhaan akka ofirraa ittisnuuf qabsoo walootiif waamicha seenaa qabeessa KFOn isinii dabarseera.
5.Beektoota Oromoo tiif:- Hayyoonni Oromoo, hojjettoonni, artistoonni, gaazexxeesitoonni, fi abbootiin qabeenyaa biyya keessa fi biyya alaa jirtan hundi uummata keenyaa fi biyya keenyaratti dhumaatii fii gaagaโama dhufaa jiru hubachuun beekumsa kan qabu beekumsaan, qabeenya kan qabu qabeenyaan , humna kan qabu humnaan kan yeroo kamiyyuu caalaa uummata Oromoo cina akka dhaabbatanii fi balaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu fuuldura isaatti danqamee jiru akka irraa ittistan waamicha keenya isinii dabarsineerra. Ilmaan uummataa kanneen miseesonni Poolisii Oromiyaa, Raayyaa ittisa biyyaa , Poolisii feedaraalaa fi qaamolee nageenyaa taatan qabsoo mirgaa uummanni keessan karaa nagaa fi seera qabeessaan taasisaa jiruuf gahee keessan akka baataniif waamicha seenaa qabeessaa isiniif dabarsineerra.
6. Uummattoota Itiyoophiyaa fi Dhaabbilee Siyaasaa Haqaan Qabsooftaniif:- Mootummaan Paartii Badhaadhinaa fi deeggartoonni isaanii fedhii dhiphummaa aangoo isaanii galmaan gahuuf faallaa yaada furmaataa nuti dhiyeessaa turree dhaabbachuun biyyittii fi uummaticha gara gaagaโama waliigalaatti galchaa jiru. Kunis tilmaama qaamolee tokko tokkoon dhumaatii uummataa miiliyoonaan tilmaamamu, buqqaatii uummataa miiliyoonotaan tilmaamamu, barbadaahuu diinagdee waggootii hedduun biyyittiiin bakka buusuu hin dandeenye hordofsiiseera. Dhumaatiin kun na hin gahu jedhee waraana fi dhumaatii gama kaabaan ture karaa nagaadhaan furuuf yaalii gochaa jirullee kutaa guddaa biyyitti kan taโe Oromiyaa akka hin haammanne gochuun dhumaatii fi duula itti fufnisaa hordofaa jira. Kanaafuu, bulchinsa diimokiraatawaa filannoo bilisaa fi haqa qabeessaa irratti hundaahee uumuun, sirna feedaraalawaa tokkummaa fi bilisummaa uummatootaa irratti buโuureffate ijaaruun walfaana jiraachuuf hunda keenyaaf wabii waan taโeef qabsoo walootiif waamicha isiniif dhiyeessineerra. Keesumaa uummanni Amaaraa humnoota shira siyaasaan qoqqoodanii bituu tokko tokkootiif saaxilamuu dhiisuun ollaawwan keessan faana nagaan jiraachuuf gahee keessan akka baatan waamicha nagaan waliin jiraachuu isinii gooneerra.
Koongireesii Feedaraalaa Oromoo (KFO)
Sadaasa 29/2015 (Finfinnee)






Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *