Oromoon akka shimalaa fi mancaa hin qabanne dhorkaa fi irraa guuraa, warra barabaraan Oromoo cabsanii dhabamsiisuuf abjootan finxaaleyyii Amaaraa ammoo maqaa faannootiin ijaaree hidhachiisaa tureera.
๐๐๐ซ๐จ๐จ๐ซ๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ข ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐ก๐๐๐๐ฆ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ
Ummata bal’aaf galuu baatullee, akkuma inni aangootti ol ba’een wixineen bulchiinsa Abiy Oromoof summaawaa tahuu namoonni muraasni miidiyaalee hawaasaa fi kan tamsaasaa irratti barreessaa fi dubbataa turan. Yeroo sanitti ummanni keenya irra guddeessi jechoota mimmiโaawaa inni dubbatu qofatti quufuun ykn mirqaanuun Abiyyiin deggeraa ture. Namoota ykn dhaabota hammeenya Abiy kaasanittis duulamaa ture. Kanneen hoogganoota qabsoo of godhanii dhageettii ummata biratti argatanitti fayyadamuun akka Abiy ummataan jaalatamee karoorri diinummaa isaa hin saaxilamne godhan, kufaatii ummata keenya har’aatiif itti gaafatamoo akka tahan asumaan wal yaadachiisuun murteessaa dha.
Abiy erga aangoo impaayerattii dhuunfatee waggaa duraatiif deggersa ummataa waan qabu sanitti dhimma ba’ee Oromoo kutaa fi amantiidhaan qoqqoodee walitti buusuu fi akka Oromoon gargar caccabee hafu gochuuf carraaqqii guddaatti ture. Akka fakkeenyaatti, “Wallagga dhaqee yoon du’e, Jimmaa fi Baaleen Wallaggaan fixa” jedhee waltajjii guddaa miidiyaaleen mootummaa fi dhuunfaa tamsaasaa jiran irratti dubbate. Kun akka Oromoon kutaa dhaan yeruma san wal fixuuf labsuu isaa ti. Kana malees Oromoo gosaa fi kutaadhaan akka ijaarameee walitti duuluuf baajeta guddaa baasee hojjetaa ture. Haala kanaanis “Oromoon yoo na hin deggerre akka inni waggaa kuma tokkotti deebi’ee hin dandamannetti nan cabsa” jedhee dhaadataa turuu isaa namuu ni yaadata.
Wixineen sagantaa bulchiinsa Dr.Abiy Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuu akka tahe kan namoonni muraasnii fi dhaabonni tokko tokko wawwaatanii dubbataa turan amma gochaan mul’achuutti jira. Oromoon biyya walabaa Oromiyaa ijaaruuf qabsoo geggeessa. Dr.Abiy garuu kan waggoota soddomman dabran caasaa bulchiinsa impaayerattii ture, federaalizimiin sabummaa irratti hundaa’e badee federaalizimii teessuma lafaa (Ji’oogiraafii) akka bara Dargii sanitti hojii irra oolchuun wixinee bulchiinsa isaa keessaa isa ijoo dha. Gaafa san waan Oromiyaa jedhamu ni dhabama jechuu dha. Kana mirkaneessuuf ammoo saboota biroo hidhachiisee sababni Oromootti duulchisaniif, federaalizimiin sabummaa miidhaan isaa kana dha jedhanii haquuf kan yaadamee dha.
Akkaataa kanaan Oromiyaa balโeessee akkuma yeroo hunda dubbatu, ‘Itoophiyaa durii’ san deebisuun sagantaa bulchiinsa isaa ti. Itoophiyaan durii kun, kan olaantummaan Amaaraa keessatti mul’atu, kan Afaan Gi’iizii keessatti dagaagee fi sirnoonni axeewwanii keessatti leellifaman jechuu dha. Kana cufa gochaatti jijjiiruufis ifaajjee guddaatti jira. Oromiyaa balโeessee kutaalee biyyaa (kifil hager) isa jedhamuun bakka hedduutti cicciree Oromoo saboota biroo waliin wal laaqee eenyummaa isaa ganee jiraatu uumuu dha. Kana ammoo hojiitti hiikuuf dhama’aa jiraachuu isaa kanuma argaa jirruu dha. Daangaan Oromiyaa shiftoota faannootiin weeraramee Oromoon akka beeyladaatti qalamaa jiraachuun adeemsuma Abiyyiin ittiin Oromoo fi Oromiyaa balโeessuuf karoorfate sanii dha
Oromoon akka shimalaa fi mancaa hin qabanne dhorkaa fi irraa guuraa, warra barabaraan Oromoo cabsanii dhabamsiisuuf abjootan finxaaleyyii Amaaraa ammoo maqaa faannootiin ijaaree hidhachiisaa tureera. Amma isaaniin raayyaa ittisa biyyaa fi poolisoota federaalaa waliin qindeessuun Oromoo jumlaadhaan, haala suukanneessaa taheen ajjeesisaa fi qalchisiisaa jira. Oromoon miliyeenaan qe’ee isaa irraa buqqa’aa jira. Lafa Oromoon irraa buqqa’e irra Amaara qubsiisuun bulchiinsa Amaaraa jala galchuun akkuma karoorfate Oromiyaa cicciree dhabamsiisuuf duraa duubaan hojii Oromoo fi Oromiyaa balโeessuutti jira.
Onoota Oromiyaa daangaa Amaaraa irratti argaman keessatti, kan murni bilxiginnaa maqaa faannootiin ummata Amaaraa hidhachiisee Oromoo ficcisiisuufis onoota kanneen akka Amaarri lolee qabatee bulchiinsa ofii jala galfatuuf waadaatu galameefii jira waan taheefii dha. Shiftoonni faannoo kan isaan lafa Oromiyaa hedduu akka waan kan Amaaraa tureetti lallabaa turanii fi jiran akkasumaan miti. Lafoota kana akka lolanii qabataniif Dr.Abiyii fi sirni isaa waadaa isaaniif galee hidhachiisee isaan lolchiisuutti waan jiruuf, karoora isaanii dursanii dubbatan. Kana hojiitti jijjiiruuf hidhattoonni bilxiginnaa marti faannoo deggeranii Oromiyaa weeraraa jirus.
Humni Tigiraay keessa ture martis Oromiyaatti bobbaafamuun Oromoo akka looniitti qalaa jira. Faannoo, raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa marti hojuma wal fakkaataa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiran. Ilmaan Oromoo osoo lubbuun keessa jiruu qaluu, morma muruu, ibiddaan gubuu fi jumlaan ajjeesuu hojii idilee godhatanii jiru. Torbanoota muraasa dura, miseensi raayyaa ittisa biyyaa tokkoo uffata raayyaa ittisaa uffatee nama ibiddaan gubamaa jiru bira dhaabbatee yommuu suuraa of kaasu argamee, suuraan isaas miidiyaalee hawaasaa irra naannawaa tureera. Dheengadda ammoo miseensonni raayyaa ittisaa kun dargaggeessa Oromoo ajjeesanii billaadhaan yommuu morma muran suur-sochii ykn viidiyoon argameera. Faannoonis baatii kana keessa kanuma yoo raawwatu suuraalee fi suur-sochiin isaanii argamaa tureera.
Kun hundi wixinee sirna bulchiinsa Dr.Abiy, kan Oromoo fi Oromiyaa balโeessuu hojii irraa oochuuf kan godhamuu dha.
Oromoon ammas gamtaadhaan ka’ee irree tokkummaatiin sirna Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf hojjetu kana of irraa calaasuu qaba. Karoorri bulchiinsa Dr.Abiy kun hojiitti hiikamee, hanga Oromoo fi Oromiyaan dhabamanitti eeguu hin qabnu. Yeroon falmachuu qabnu amma qofa.

Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *