Noorweey lammiileen ishee gara Itoophiyaa akka hin imalle hubachiifte

<strong>Noorweey lammiileen ishee gara Itoophiyaa akka hin imalle hubachiifte</strong>

Imalli gara naannoolee Lixa Oromiyaa walitti buโ€™iinsaan miidhaman hundatti akka hin taasifamne gorsa. Kunis Godinoota Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Buunnoo Baddallee, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Naannolee Gaambeellaa fi Benishaangul Gumuz ni dabalata jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Norwey

Noorweey lammiileen ishee gara Itoophiyaa akka hin imalle hubachiifte

Mootummaan Noorwey lammiileen biyyattii gara kutaalee Itoophiyaa balโ€™aa haalli nageenyaa isaanii hin mirkanoofnetti akka hin imalle gorse.

Ministeerri Dhimma Alaa Noorwey ibsa Mudde 17,2022 baaseen lammiileen Noorwey gara Lixa Oromiyaa fi bakkeewwan birootti akka hin imalle hubachiiseera jechuun SchengenVisaInfo.com gabaaseera.

Imalli gara naannoolee Lixa Oromiyaa walitti buโ€™iinsaan miidhaman hundatti akka hin taasifamne gorsa. Kunis Godinoota Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Buunnoo Baddallee, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Naannolee Gaambeellaa fi Benishaangul Gumuz ni dabalata jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Norwey kun.

Akka Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii jedhutti marii qaamolee wal waraansa irra turan gidduutti taasifamee fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra gaโ€™ame, haalli Kaaba Itoophiyaa akka fooyyaโ€™uuf gumaacha kan taasise taโ€™us, naannoo Tigraayitti garuu amma illee haalli jiru kan mirkanaaโ€™e miti. Kana malees jeequmsi Baha Itoophiyaa fi gara daangaa Somaaliyaatti uumame naannolee kanneeniif illee haala nageenya hin qabne uumeera.

Haaluma kanaan lammiileen Norwey gara naannoo Tigraay, akkasumas bakkeewwan daangaa naannoolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar dabalatee gara iddoowwan haala nageenyi isaanii hin mirkanoofneetti akka hin imalle Ministeerichi hubachiiseera.

Maddi: AS

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO