๐†๐ข๐๐๐š๐š ๐€๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‡๐š๐ฅ๐ž๐ž๐ฅ๐ฅ๐š๐š ๐‡๐š๐š๐ซ๐š๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ž๐ž๐ง ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐Ÿ๐Ÿ ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐‚๐ง ๐†๐š๐›๐š๐š๐ฌ๐ž.

Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaatti haleellaa haaraa tibbana humna goolessituu/finxaaleyyii Amaaraan raawwatameen lammiileen Oromoo 12 ajjeesamuu BBCn qondaala bulchiinsa naannoo sanii waabeffachuun gabaaseera.

Haleellaan kun kan raawwatame erga torban lamaan dura waraanni mootummaa naannoo sana seenanii as taโ€™uu BBCn hubachiiseera.

Haleellaan kun gandoota sadii Ona Kiiramuu daangessanitti Kibxata darbe raawwatamuu qondaala onichaa waabeffachuun kan gabaase BBCn, haleellaa kanas kan raawwate hidhattoota Amaaraa finxaaleyyii/goolessitoota faannoo taโ€™uu qondaalli kun himuu ifoomseera.

Gama biraan waraanni mootummaa naannoo kanatti sochoosame jedhamu nageenya lammiilee Oromoo eeguun hafnaan ofiifuu maqaa โ€œShaneeโ€ jedhuun namoota nagaa manaa gadi baasee ajjeesaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.

Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhamanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa kan hin baโ€™in jiran taโ€™uu fi inumaayyuu caalaatti humna isaanii jabeeffataa, Onootaa fi gandoota adda addaa keessa facaโ€™anii balaa dhaqqabsiisaa, humni dabalataas Bulchiinsa Naannoo Amaaraa irraa itti ergamaa akka jiru kanneen keessa beekan hubachiisaniiru.

Weerara humni waloo finxaaleyyiin Amaaraa fi waraanni mootummaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irratti adeemsisaniin lammiileen Oromoo dhibbootaan ajjeesamuu, kumoota dhibbaan qeโ€™ee irraa buqqaโ€™anii dirree irratti facaโ€™uu fi qabeenyi ummata kanaa tilmaamuun hin salphanne mancaโ€™uun ni beekama.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO