๐–๐š๐ซ๐š๐š๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐†๐š๐๐š๐š ๐†๐จ๐จ๐›๐š๐ง๐š๐š ๐‡๐จ๐จ๐ฅ๐š๐š ๐ฌ๐š๐ค๐š๐ญ๐ญ๐šโ€™๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฌ๐š๐š๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ฅ๐ฆ๐š ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง๐ข๐ข ๐š๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ญ๐จโ€™๐š๐ญ๐ง๐š๐š ๐ฃ๐š๐ฅ๐š ๐จ๐จ๐ฅ๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐š๐ ๐šโ€™๐š๐ฆ๐ž.

Manni Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa waraana mootummaa Bilxiginnaan saamame; ilmi isaanii ni hidhame

๐–๐š๐ซ๐š๐š๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐†๐š๐๐š๐š ๐†๐จ๐จ๐›๐š๐ง๐š๐š ๐‡๐จ๐จ๐ฅ๐š๐š ๐ฌ๐š๐ค๐š๐ญ๐ญ๐šโ€™๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฌ๐š๐š๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ฅ๐ฆ๐š ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง๐ข๐ข ๐š๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ญ๐จโ€™๐š๐ญ๐ง๐š๐š ๐ฃ๐š๐ฅ๐š ๐จ๐จ๐ฅ๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐š๐ ๐šโ€™๐š๐ฆ๐ž.

Suurri Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standard irraa fudhatame

Humnoonni nageenyaa mootummaa halkan mana jireenyaa Abbaa gadaa Goobanaa Hoolaa Godina Shawaa Bahaa magaala Maqiitti argamu cabsanii seenuun erga saamanii booda, ilma isaanii tokko toโ€™annoo jala oolchuu, Addis Standard Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa waabeffachuun gabaaseera.

Miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa halkan edaa ALItti saโ€™aa 5:00 hamma ganama saโ€™atii 12:00tti qeโ€™ee isaanii sakattaโ€™aa erga turanii booda, qarshii 200,000 fi meeshaalee miidhaginaa fi faayaa adda addaa akka saaman Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standarditti himaniiru.

Sababiin tarkaanfii kanaa shakkii ilmi Abbaa Gadaa kan Addunyaa Goobanaa gobla Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Shawaa Bahaa keessa sochoโ€™u hoogganaa jira jedhuun taโ€™uu Abbaan Gadaa ibsaniiru.

Kana malees, humnoonni nageenyaa mootummaa kunneen ilmaan isaanii magaaluma Maqii keessa jiraatu Injinar Badhaanee Goobanaa qeโ€™ee isaatii halkan edaa toโ€™annoo jala kan olchan taโ€™uu fi waardiyaa mana isaanii ammoo uleedhaan dhaanuu isaanii Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standardiif himaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO