Magaalaa Gindhiiritti dargaggoo Milkii Muhammad Umar Poolisoota Sirna PPn Ajjeesame
๐๐ท๐ท๐ฒ๐ฐ๐ต๐ฎ๐ฎ ๐บ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐๐ถ๐ป๐ฑ๐ต๐ถ๐ถ๐ฟ๐ถ๐๐๐ถ ๐ฑ๐ฎ๐ฟ๐ด๐ฎ๐ด๐ด๐ผ๐ผ ๐ ๐ถ๐น๐ธ๐ถ๐ถ ๐ ๐๐ต๐ฎ๐บ๐บ๐ฎ๐ฑ ๐จ๐บ๐ฎ๐ฟ ๐ถ๐ฟ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ฎ๐๐ฎ๐บ๐ฒ๐ฒ๐ป ๐บ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐๐๐ถ๐ถ๐ป ๐ฑ๐ถ๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐บ๐๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐บ๐๐๐ป ๐ถ๐ฏ๐๐ฎ๐บ๐ฒ.

Mudde 27,2022 ALItti halkan keessaa saโaa 4:00 irratti poolisootni sirna Bilxiginnaa magaalaa Gindhiir keessatti dargaggoo Milkii Muhammad Umar jedhamu haala suukanneessaadhaan ajjeesuu isaanii oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Ajjechaa suukanneessaa dargaggoo Milkii irratti raawwatametti kan dallane ummatni magaalaa Gindhiir, daandii cufuudhaan diddaa sirna Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti lammiilee nagaa fixaa jiruuf qabu mulโiseera.
Balaaleffannaa ummataa kanatti kan rifatan bulchitootni PP naannoo sanaa sochii kana qabbaneessuuf poolisoota 4 toโatnaa jala oolchineerra jedhanis diddaan ummataa hin dhaabbanne.
Namni tokko caasaa PP bakka biraa irraa gara Gindhiiritti ergamee gumaa baasna jechuun ummata tasgabbeessuuf carraaqullee, Qeerroon magaalaa Gindhiir โGumaa baasna malee, Gumaa hin nyaatnuโ jechuun mormii akka itti fufan maddeen keenya gabaasaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *