Artist Faaxee Anniyyaa hidhamte
๐๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ ๐ ๐๐๐ฑ๐๐ ๐๐ง๐ง๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐ ๐๐ข๐๐ก๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐๐ ๐’๐๐ฆ๐
Godina Harargee Lixaa Ona Mi’eessoo keeysattti Wallistuu sab-boontuu fi jaalatamtuun Artist Faaxee Anniyyaa, waahillan ishee waliin hojii Artiitiif osoo sochoaa jirtuu humnoota mootummaa Bilxiginnaatiin reebamtee hidhaatti darbamuu SHABO MEDIA gabaaseera.
Faaxee fi waahellan isii kan ukkaamfaman Araddaa Dannabaa Hundee Misoomaa, Ganda Qimmiixaa jedhamu keessa hojii waraabbii suur-sagaleetiif osoo socho’aa jirtuu akka tahe Shabo Media qajeelcha poolisii Godina Harargee Lixaa waabeffachuun gabaasee jira.
Yeroo ammaa sirni Bilxiginnaa Artistoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun duula hidhaa fi sodaachisaa geggeessaa jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *