๐๐จ๐ง๐๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐†๐š๐๐š๐š ๐†๐š๐›๐›๐ข๐ฌ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐ข๐›๐ž๐ž ๐“๐ข๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐ˆ๐ฌ๐š ๐Œ๐ฎ๐๐š๐ญ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ฆ๐ฆ๐š๐ฌ ๐Œ๐š๐ง๐š ๐‡๐ข๐ซ๐š๐š๐ซ๐ฌ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐ค๐ค๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐š.

Jaal Gadaa Gabbisaa akkaan dhukkubsatee jira.

๐๐จ๐ง๐๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐†๐š๐๐š๐š ๐†๐š๐›๐›๐ข๐ฌ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐ข๐›๐ž๐ž ๐“๐ข๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐ˆ๐ฌ๐š ๐Œ๐ฎ๐๐š๐ญ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ฆ๐ฆ๐š๐ฌ ๐Œ๐š๐ง๐š ๐‡๐ข๐ซ๐š๐š๐ซ๐ฌ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐ค๐ค๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐š.

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Gadaa Gabbisaa Dhibee Tiruu Isa Mudateen Ammas Mana Hiraarsaa Keessatti Rakkachaa Jira.

Miseensota, Qondaalotaa fi Hoogganoota ABO waggoota sadii (3)f yakka tokkoon alatti ejjannoo siyaasaa isaaniif qofa murna aangoo siyaasaa dhuunfateen manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamaa turanii fi jiran keessaa Jaal Gadaa Gabbisaa isa tokko.

Jaallan Miseensota ABO hedduun fayyaa isaanii iddoo qubannaa isaanii irraa fuudhamanii manneen hidhaa keessatti dhibeef saaxilamuun rakkoo hamaaf affeeramaniiru. Jaal Gadaanis jaallan nagahaan manaa fuudhamee dhibeef saaxilame keessaa ti.

Jaal Gadaan kanaan dura mana hidhaa keessatti dhukubsachuun mana wal’aansaas dhoowwamee dhibeen isaa wayta itti hammaatu xumura irratti mana wal’aansaatti geeffamee ilaalamuun, gaafa Ebla 08,2022tti ragaan qorannoo Hospitaalaa guyyoota 20f taasifame akka mul’isetti Dhibee tiruu gosa #Hepatitis๐Ÿ…ฑ Viral Positive ta’e sadarkaa baayโ€™ee yaaddessaa irra kan jiruun qabamuu isaatu baramee ture.

Ammas Jaal Gadaan dhibee isa mudate sanaaf mana hidhaa keessa taaโ€™ee wal’aansa gahaa waan dhabeef, dhibichi itti hammaatee guyyaa har’aa Muddee 30,2022 ilaalamuuf mana wal’aansaa geessanii dhibeen Tiruu duraan isa mudate sun daran akka itti hammate ragaa mana wal’aansaa ni mul’isa.

Dhibee Jaal Gadaa Mudateen wal qabatee, Jaallan Jaal Gadaa waliin mana hidhaatti hiraarfamaa jiranii fi maatiin Jaal Gadaa haalli fayyummaa isaa hedduu nu yaaddesseera, wal’aansa barbaachisu argachuu dhabuun osoo arginuu Jaallii kun akka nu harkatti hin duuneef Oromoon sagalee tahuufii qaba jechuun ergaa isaanii SBOf dabarsaniiru.

Haaluma walfakkatuun, kanaan duras jaallan miseensota, Qondaalotaa fi hoogganoonni ๐Ÿ…ฐ๐Ÿ…ฑ๐Ÿ…พ manneen hidhaa garagaraa keessatti dhibeen akka rakkataa turan, addatti Jaal Battee Urgeessaa dhibee fakkataa Jaal Gadaa kanaan mana hidhaa keessatti qabamuun hubaatii yeroo dheeraa booda hidhaa irraa hiikamuun wal’aansa argateen dhibee isa mudate irraa dandamatuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO