Artist Zarihun Wadaajoo dhukkubsatee ciisa; gargaarsa lammii isaas barbaada
Qondaalotni ABO Artist Zarihun Wadaajoo kan dhukkubsatee ciisaa jiru dubbisan

Wallisaa fi Qabsaawaa Oromoo gameessa Artisti Zarihuun Wadaajoo Dhukkubsachuun Siree Irratti gale Qondaalotni Addi Blisummaa Oromoo (ABO) haala fayyaa isaa gaafachuun hamilee ta’uufin jajjabeessan.
Artistii Oromoo gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo keesaatti umrii isaa guutuu dabarse, Artist Zarihun Wadaajoo dhukkubsatee siree irra ciisu qondaalotni ABO J/Lammii Gammachuu fi J/Waaqoo Noolee mana jireenyaa isaa dhaquun haala fayyaa isaa gaafataniiru.
Dhaamsa dhaaba irraa ergameefis ittiin gahuun hamilee ta’uufiin jajjabeessaniiru.
Artist Zariihun Wadaajoo haalli fayyaa isaa yaaddessaa dha; yaala gahaa barbaada. Wal’aansi isaa biyyaan ala waan jeedhameef yeroo kanatti deggarsa Ummata Oromoo bal’ aa barbaada.
Oromoon kadhaa Waaqaa fi waan danda’uun bira dhaabbachuu akka qabu haati warraa isaa yaada dabarfataniru.
Waaqni Oromoof isa uume Ayyaanni Oromoo fayyaa gutuu isaaf haa kennu!
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *