Ajjechaan Oromiyaa keessatti raawwatamu hammaate
๐๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐ถ๐ถ ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ด๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐ธ๐ฎ๐ป ๐๐๐ฟ๐ฒ ๐ฑ๐ฎ๐ฟ๐ด๐ฎ๐ด๐ด๐ผ๐ผ ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ถ๐ ๐๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐ฎ๐บ๐ถ๐๐ฎ ๐ฑ๐ฎ๐ฟ๐ฏ๐ฒ ๐ต๐ถ๐ฑ๐ต๐ฎ๐๐๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐บ๐ผ๐ผ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐๐ถ๐น๐ ๐ถ๐ด๐ถ๐ป๐ป๐ฎ๐ฎ๐ป ๐ฏ๐๐๐ฎ๐บ๐ฒ๐ฒ ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ ๐ฎ๐ท๐ท๐ฒ๐ฒ๐๐ฎ๐บ๐ฒ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐บ๐ฒ.
Amajjii 05,2023 qophii ayyaanaaf gara maatii isaa galaa kan ture dargaggoo Daawit Balaay balโeessaa tokkoon maleetti waraana mootummaa Bilxginnaan karaatti butamee ajjeesamuu maatiin mirkaneessuu maddeen gabaasaniiru.
Godina Wallagga Lixaa Ona Laaloo Assaabii ganda baadiyaa Arroojjii Sardoo jedhamtutti kan dhalate dargaggoo Daawit Balaay, magaalaa Naqamteetti kan argaman fira isaa bira taaโee kan baratu taโuunis hubatameera.
Ayyaana Qillee maatii isaa waliin dabarsuuf Amajjii 05,2023 mucaa dubrii isaa waliin Naqamtee irraa kaโanii osoo gara dhaloota isaanii deemaa jiranii bakka Dhagaa Dhaabbii jedhamutti humnoota mootummaatiin butamuu fi guyyoota muraasa booda Daawit ajjeesamuu maddeen maatii waabeffachuun ibsaniiru. Dubriin Daawwitis yeroo ammaa kana eessa akka buusames hin baramin jira.
Hidhaa fi ajjechaan guutuu Oromiyaa keessatti mootummaa Bilxiginnaan lammiilee nagaa irratti deemsisamaa jiru guyaa irraa gara guyyaatti hammaachaa fi babal’achaa jira.
Yeroo ammaa immoo golgaa WBO isa dhumaaf bal’eessuu jedhuun duula waraanaa bal’aa fi humna waraanaa biyyattiin qabdu cufaan Oromiyaa weerarsiisuun dhumaatiin suukanneessaan gandeen Oromiyaa keessatti dhaqqabaa jira.
Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti yakki waraanni Bilxiginnaa ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irratti raawwataa jiru isa hin dhaga’aminii fi miidiyaatti hin ba’in jirutu caala kan jedhan maddeen godinaalee irraa, yakki kun hundumtuu WBO golgaa godhatee imaammata mootummaa kan Qurxummii qabuuf, galaana gogsuu jedhuun raawwatamaa jira jedhaniiru.
Kana waan ta’eef, ummatni keenya PP irraa waan eeggatu tokkollee akka hin qabne of amansiisuun, falli qabu tokkichi keessaa fi alaan walta’ee falmaa finiinsuu qofa jechuun dhaamsa dabarsataniiru.

Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *