Sirni Bilxiginnaa humna waraanaa guddaa Oromiyaatti guuraa jira. Oromiyaa dirree waraanaa gochuun imaammata sirnichaa ta’uun ibsame
Imaammata Bilxiginnaa, Kaabatti Nagaa, Oromiyaatti Waraana

Lola waggoota lamaatiin boodatti bakka bu’oonni bilxiginnaa fi ABUT/TPLF marii araaraa Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti geggeessaniin waliigaltee irra gahuun ni yaadatama. Waliigaltee kana hordofuun angawoonni Bilxiginnaa dhihoo kana magaalaa guddoo naannoo Tigraay kan taate Maqalee seenuun aangawoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/TPLF waliin marii bal’aa taasisaniiru. Waraanni fi poolisoonni mootummaa federaalaas Maqalee qubsiifamaniiru. Waliigaltee marii araaraa hojii irra oolchuun sadarkaa dhumaatti waan dhiyaates fakkaata. Buโuuruma waliigaltee sanaatiin tibbana meeshaalee gugurdoon hidhannoo Humna Waraanaa Ittisa Tigraayi turan garee toโattootaatti dabarsamuu jalqabuunis mulโateera. Angawootni olaanoon naannoo Tigraayis dhihootti gara Finfinnee dhufanii Dr.Abiy Ahmed waliin walarganii ni mariโatu kan jedhus dubbatamaa jira.
Faallaa kanaa Oromiyaa keessatti ammoo lolatu akka falaatti bifa haaraadhaan labsame. Mataan paartii PP Dr.Abiy Ahmad, paarlaamaa irratti, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin akka fedhii marii araaraa hin qabne dubbatuun ni yaadatama. Kan fedhii qabu karaa isaaf mijateen yaa’ee galee akka Bilxiginnaatti harka kennatu, kan dide ammoo lolaan dhabamsiifna jechuun ifatti duula waraanaa Oromiyaa irratti akka haaraatti labsan. Ibsi Raayyaan Ittisa Biyyattii yeroo darbe baases kanuma agarsiisa.
Lola Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin itti jiraniin akka furmaata hin fidne osoo beekanii maqaa WBO dhabamsiisuu jedhuun ummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii itti fufuuf bifa haaraan lola kana labsanii itti jiran. Lolli fala akka hin taane sirriitti beekan iyyuu, dhangalaโuun dhiigaa Oromiyaa keessaa itti fufuu qabaan garuu ejjennaa Bilxiginnaa taโuu gochi isaanii ammaa sirriitti mulโisa. Labsii lolaa kanaan ummata Oromoo fixuuf malee warra hidhatee sochoโuu balโeessuun akka hin dandaโamne isaan caalaa kan beeku hin jiru.
Waraanni harโa akka haaraatti Oromiyaatti guuramaa jiru Oromoo irratti yakka waggoota shaniif hojjetamaa ture itti fufuun, duguuggiin sanyii irra balโaan akka itti fufuuf qajeelfamaa fi ajaja paartii Bilxiginnaan kan bobbaโaa jiruu dha. Humna waraanaa Kaaba ture, hidhattootaa fi poolisoota naannolee fi humni alagaa itti edaโamee waraanni biyyattiin akka waraanaatti qabdu yeroo ammaa kana Oromiyaatti duulchisamee jira. Oromiyaa nagaa dhorkuu, dirree lolaa taasisuu, dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuu, lubbuu ilmaan Oromoo jumlaan baasuu, qeโee Oromoo qeโee booโichaa fi gaddaa taasisuu, manneenii fi qabeenya Oromoo barbadeessuun hojii waraana Bilxiginnaa Oromiyaa weeraree jiruu ti. Buโaan waraanichaa isa kana yoo taโe malee, humna hidhatee isaan lolu WBO homaa gochuu akka hin dandeenye ajajooti waraanichaa tolchanii beekan. Waan kana taโeef, akeekni lolichaa Oromoo balโeessuufi; Oromoo cabsuufi; akkuma jechaa turanii fi jiran Qurxummii dhabamsiisuuf galaana gogsuu imaammata jedhu hojiitti hiikaa jiran.
Addi Bilisummaa Oromoo weeraraa fi lola qindaโaa mootummaan Bilxiginnaa Oromiyaa irratti labse kana ilaalchisuun ibsa Amajjii 08,2023 baaseen, Ajjeechaan waggootaaf Oromiyaa mancaasaa ture, achiis Kaaba, Tigraayitti cehe, ammammoo humna guutuun gara Kibba Oromiyaatti fuula naanneffatuu addeessuudhaan, โHumna Qindaaโaaโ jedhamee kan waamamu, Humna Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Humna Poolisii Addaa Naannoo, Poolisii Federaalaa fi Faannoo of keessatti hammate โThe so-called โCoalition Force, which constitutes Ethiopian National Defense Forceโ kallattiiwwan garagaraatiin gochaa ajjeechaa cigaasisaa isaanii irra deebiin jalqabuu hubachiise.
Adda Waraanaa Baha Oromiyaa, Fantaallee fi Boosat keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi โHumna Qindaaโaaโ kana gidduutti waraana jabaan gaggeeffamaa jiraachuu kan beeksise ibsi ABO kun, Adda waraanaa Gujiitti, oppireeshinii guddaan adeemsifamaa jiraachuu fi kunis waraana jabaa hordofsiisuu ibse. Oromiyaa Lixaatti, โHumnootni Qindaaโooโ lakkoofsaan hedduu taโan Matakkaliin weeraranii, Laga Mormor karaa Agamsaa cehuun ajjeechaa itti fufanii jiraachuu kan hubachiise ABOn, Shawaa Kaabaa, Gidduugala Oromiyaatti, duulli wal fakkaataan naannolee Salaalee fi Meettaa keessatti adeemsifamaa jira jedheera. Waraana hin barbaachifne kanaanis namootni nagaa hedduun qeโee fi qabeenya isaanii rraa buqqaโaa akka jiran, dubartootni, daaโimmanii fi maanguddootni akka maleetti akka miidhamanii fi dirree irratti facaโan ibsameera.
Dhibdee siyaasaa fi walitti buโiinsa Itiyoophiyaa, Oromiyaa keessatti uumame kanaaf furmaatni tokkichi, Furmaata SIYAASAA taโuu irra deddeebiin beeksisaa turreerra kan jedhe ABOn ibsa isaa kanaan, furmaatni waraanaa, goolama sodaa dhaloota kanaa qofa osoo hin taane, biyyattii hiyyeettii addunyaa kanaa taate kanaaf godaannisa dhalootaa uumee, gara diigamuutti akka ishee geessu dhugaa jiru mulโise.
Gaaffii abbaa biyyummaa dargaggoota Oromoo bosonatti galcheef deebii siyaasaa barbaaduutu qaroomina malee, humni furmaata hin fidu. Humni humna akka dhalchu warri PP seenaa qabsoo ummatootaa fi loloota impaayerattii kana keessatti deemaa turan if booda deebiโanii yaadatuu isaan barbaachisa. Ummata Oromoo ajjeesuu, manaa fi qabeenya isaa gubuu, jumlaan hidhuu fi dararuu dhiisanii gaaffii ummataa fi qabsaawota Oromoo deebisuutu fala dha. Afaan qawwee takkaa gaaffii ummata tokkoo ukkaamsee, humna ummataas cabsee jiraatee hin beeku; dhuma irratti kan dhabamu abbuma irree isa humnaan yaaduu dha.
Sirni kun aangoo fi garaa isaaf jecha ilaalcha sirna nafxanyummaatiin Oromoo cunqursuu fi lafa Oromiyaa weeraruu malee waan Oromoon gaafatu dhaga’uu hin fedhu. Sirni akkanaa gaaffii Oromoo ni deebisa jedhanii eeggachuunis of gowwomsuu dha. Oromoon sirna kana irra abdii kaawwatuu fi mootummaa kiyya jedhee abdatuu hin qabu. Sirnichii fi mootummichi isa Oromoof taโuu fi isa Oromoon kiyya jedhu akka hin taane yakka baayโee fi gochoota fokkisoon Oromootti agarsiiseera. Kanaaf Oromoon sirna kana irraa waan abdatu tokkollee hin qabu.
Sirna akkasii ammoo jala taaโuu osoo hin taane irratti qabsaawuudhaan of irraa jijjiiranii mootummaa ofii dhaabbachuu dha. Bilisummaa fi Abbaa biyyummaa ofii mootummaa mirkaneessuu fi iggitii itti godhu ijaarrachuu dha. Sanaaf ammoo harโas boris furmaatni QABSOO qofa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *