Ummata nagaa hidhuu fi qabeenya saamuun bal’inaan itti fufeera.
๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ง ๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐ ๐ฆ๐๐ช๐๐ ๐๐๐๐ ๐ง๐ฒ๐๐๐ญ๐ ๐ฅ๐๐๐ญ๐ญ๐๐ง, ๐๐๐ ๐ ๐๐ซ๐ญ๐๐ง ๐ฃ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐ง๐๐ ๐๐ ๐ก๐ข๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐๐ข ๐ช๐๐๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ฌ๐๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐ฃ๐๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ฎ๐๐๐๐ซ๐.
Godina Lixa Shaggar Ona Amboo ganda Xulee keessatti mootummaan Bilxiginnaa ummata nagaan WBOf nyaata laattan, tumsa gootaniif ittiin jechuun dubartoota dabalatee namoota hedduu mana hidhaatti guuraa fi qabeenya isaaniis saamaa jira.
Haaluma kanaan Obbo Biqilaa Kafanii jalaa miโa mana keessaa hunda konkolaataatti feโachuun oggaa duraa saaman, haadha warraa isaa Aadde Qananii Baayโisaa mucaa ishee jiโa hin guutne waliin akkasumas Aadde Bashuu Shabburaa jedhaman hidhanii jiran. Kana malees bulchiinsi mootummaa Bilxiginnaa magaalaa Ambootti kan argamu mana Obbo Biqilaa Kafanii kutaa 12 boorrataan (Doozaaraan) jalaa diiguu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru.
Obbo Geetaachoo Galaanaa kan jedhaman jalaa miโa mana keessaa guutuutti yeroo jalaa feโatan, haadha manaa isaa Aadde Dammee Addisuu duraa hidhuu maddeen keenya dabaluun ifa godhaniiru.
Obbo Caalaa Fayyeeraa kan jedhaman jalaa ammoo miโa mana keessaa alatti gadi guuruun mana isaa erga gubanii barbadeessanii booda, haadha warraa isaa Aadde Caaltuu Bokonaa duraa hidhuu maddeen keenya ifa godhu.
Kana malees, maanguddoo biyyaa kan taโan Obbo Damisee Immiruu fi haadha warraa isaanii Aadde Zawudituu Guddataa jedhamanis qabanii akka hidhan ibsameera.
Akkasumas Aadde Xuuree Haayiluu fi haadha daaโima haraasaa Aadde Warqituu Ilaalii jedhaman qabanii hidhuun hiraarsaa akka jiran maddeen keenya ifa godhu.
Namootni maqaa WBOf nyaata laattanii fi tumsa gootaniif jedhamuun mootummaa Bilxiginnaan qabaman kunniin yeroo ammaa magaalaa Amboo keessatti hidhamanii gidirsamaa akka jiran beekuun dandaโameera.
Sirni Bilxiginnaa dubartoota daaโimman waliin akkasumas jaarolee biyyaa hidhaatti guuruun yakka suukanneessaa hawaasa Oromoo irratti raawwatu itti fufee jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *