Haleellaa Xayyaaraa Lixa Shaggar Ona Daannoo ganda Kamiseetti raawwatameen lammiilee nagaan 30n dhumatan.
๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ซ๐๐ ๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ง ๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ข๐ ๐ข๐ง๐ง๐๐ ๐ซ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐๐ง ๐ง๐๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐๐ ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐๐ง.
Amajjii 18,2023 guyyaa harโaa mootummaan Bilxiginnaa Godina Lixa Shaggar Ona Daannoo iddoo Kamisee jedhamutti haleellaa xayyaaraa ummata siviilii irratti fudhateen yo xiqqaate namootni nagaan 30 ol taโan qeโee isaanii keessatti dhumatuu maddeen gabaasaniiru.
Haleellaan kun kan raawwatame maqaa WBO rukutuu jedhuun taโuu kan ibsan maddeen, haa taโu malee kan haleelamee fi dhumate ummata nagaa fi meesha-maleeyyii taโuu mirkaneessaniiru. Maqaa namoota haleellaa xayyaaraa kanaan dhumatan akka arganneen kan beeksisnu taโa.
Mootummaan abbaa irree Bilxiginnaa irra deddeebiin Godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti haleellaa xayyaaraa qeโee ummataa keessatti fudhatuun lammiilee nagaa dhibbootaan haala suukanneessaan ajjeesuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *