Bilinkan Haala Tigraayii fi Rakkoo Nageenyaa Oromiyaa Furuu Irratti Muummicha Ministeeraa Abiy Waliin Dubbachuu BBCn Gabaase.

Bilinkan Haala Tigraayii fi Rakkoo Nageenyaa Oromiyaa Furuu Irratti Muummicha Ministeeraa Abiy Waliin Dubbachuu BBCn Gabaase.

Antoonii J.Bilinkin Rakkoo Nageenyaa Oromiyaa irratti Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmed waliin dubbatuu BBCn gabaase

Bilinkan Haala Tigraayii fi Rakkoo Nageenyaa Oromiyaa Furuu Irratti Muummicha Ministeeraa Abiy Waliin Dubbachuu BBCn Gabaase.

Ministirri Dhimma Alaaa US Antoonii J. Bilinkan haala tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessa jirutti xumura gochuun danda’amu irratti Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) waliin haasa’uu isaanii dubbi himaan Waajjira Haajaa Alaa Amerikaa Need Piraayis himan.

Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa kaan dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa keessa ture irratti yeroo gara garaa wayita dhimmanii dubbatanitti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruuf garuu gurra kennaa akka hin turin BBCn hubachiiseera.

Ta’us garuu, rakkoo Itoophiyaa keessa jiruuf furmaataa waaraa fiduuf mariin hunda galeessa ta’ee fi qaamolee hunda hirmaachise jiraachuu akka qabaatu irra deddeebiin gaafachaa akka turanis yaadachiiseera.

Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Bilinkan wayita Muummee Ministeeraa Abiy Ahmad waliin bilbilaan dubbatanitti loltoonni Ertiraa Kaaba Itoophiyaa keessaa bahaa jiraachuu dabalatee sadarkaa hojii irra oolmaa Waliigalteen Waraana Dhaabuu Sadaasa 02,2022 mallattaa’e irra jirus kaasaniiru jedhan Need Piraayis.

Kaaba Itoophiyaa keessatti nageenya guutummaatti mirkaneessuuf kun tarkaanfii gaarii dha kan jedhan Antoonii Bilinkan, qorattoota mirgoota namoomaa idil-addunyaaf  haalli ittiin seenan akka mijaa’ufis gaafataniiru jechuun BBCn ibseera.

Antoonii Bilinkan dabalataan adeemsa Kaaba Itoophiyaatti nagaa fiduu gaggeessummaa Gamtaa Afrikaatiin hojjetamaa jiru deggaruudhaaf Yunaayitid Isteet mirannoo akka qabdus Muummicha Ministeeraa Abiyyiif mirkaneessuu BBCn hubachiiseera.

Rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti waggoota afran darbaniif itti fufe ummata naannichaa nagaa dhorkuu irra darbee miidhaa hawaas-dinagdee guddaaf saaxiluu kan gabaase BBCn, rakkoon ummaticha irra bubbule kun hanga malu gurra miidiyaa, biyyoota Lixaa fi hawaasa idil-addunyaa hin arganne jedheera.

Finciltoota Tigraay waliin araara kan buusan Ministirri Muummee Abiy Ahimad naannoo keessaa dhalatanii fi hundee siyaasaa paartii isaanii ta’e keessatti garuu rakkoon nageenyaa hammaatee itti fufuu ifa godhe.

Ajjeechaan booda kana, keessumaa hidhattoota Amaaraan godinoota Wallaggaa fi bakkeewwan Oromiyaa daangessanitti hammaate mufii uumee dargaggoonni aangootti bahuu Muummicha Ministeeraa Abiy tumsaa turan mormii kaasanii jiraachuu BBCn gabaasa isaa kanaan ifa godha.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘Shanee’ jedhu bakki qaama sadaffaa jirutti marii taa’uuf akka fedhan kana dura ibsaa turuus BBCn yaadachiiseera.

Paartileen siyaasaa, qaamoleen idil-addunyaa garagaraa fi kaanis rakkoon nageenyaa naannoo guddicha nagaa dhabde keessa jiru karaa nagaan akka furamu gaafataa turuus yaadachiisa BBCn.

Miseensonni paarlaamaa naannoo Oromiyaa irraa ta’an akkuma Kaaba Itoophiyaatti ta’e mariin rakkoo Oromiyaa keessa jiru ni fura jedhanii abdataa turan hin raawwatamin jiraachuun isaa isaan mufachiisuu kan gabaase BBCn, “Rakkinnii fi salphinni Oromoo har’as itti fufeera; Oromoon boqonnaa dhabeera; ajjeechaa fi qe’ee ofii irraa buqqa’uun cimee itti fufeera,’’ kan jedhanii fi yaadota biroo jajjaboo kaasuu isaanii dabaluun addeessa.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO