Weerara hidhattootni naannoo Amaaraa/Faannoo Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin guyyoota sadii gidduutti lammiilee siviiliin 44 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.
๐๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ ๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐ก๐๐ฐ๐๐ ๐๐จ๐จ๐๐ข๐ญ๐ข๐ญ๐ญ๐ข, ๐๐ค๐ค๐๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐๐ฌ ๐๐ง๐ ๐๐๐ซ๐ฑ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐ ๐ฎ๐ซ๐ฌ๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐๐ ๐๐ข๐๐ก๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ฆ๐๐๐ซ๐๐๐ง ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐๐ ๐โ๐๐ฆ๐.

Hidhattootni naannoo Amaaraa ajjechaa jumlaa lammiilee Oromoo nagaa irratti raawwatan kan itti fufan yoo taโu, guyyaa harโaa Amajjii 23,2023 Shawaa Roobititti dhihoo kan taโe bakka Karra Jajjabaa jedhamutti ilmaan Oromoo siviilii 16 waraqaa eenyummaa isaanii erga ilaalanii booda, konkolaataa irraa buusanii akka ajjeesan oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Sabboonaan Oromoo hawaasa keessatti beekamaa ta’an Sheek Amiin Aliyyii Sheek Mohaammad jedhaman kanneen ajjeesaman keessatti akka argaman beekuun danda’ameera.
Karra Jajjabaan daangaa Shawaa Roobitii fi Jiillee Dhummuuggaa irratti kan argamuu dha.
Amajjii 21,2023 irraa qabee hidhattootni naannoo Amaraa fi humni Faannoo waltaโuudhaan meeshaalee waraanaa hammayyaawaa hidhatuun Oromoo Kaaba Oromiyaa Godina Walloo irratti waraana bananii jiran.
Godina Walloo Ona Jiillee Dhummuuggaa gandoota Haxaayyee, Gubbaa Waaccuu, Hallaala, Diric, Qundee, Mararrer, Jawwahaa, Nageesso, Baalcii, Wasan Ququrii fi Karra Jajjabaa akkasumas Ona Sambatee gandoota garagaraa keessatti hidhattootni Amaaraa/Faannoo ummata Oromoo irratti lola bananiin lubbuu ummata siviilii hedduu baasaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Amajjii 21,2023 Ona Harxummaa Fursee bakka Harawaaca jedhamutti humnootni goolessitoota Amaaraa ummata keenya irratti weerara bananiin namootni 7 yeroo ajjeesaman, 12 ammoo madaaโuu oduun arganne ifa godha.
Guyyaa harโaa Amajjii 23,2023ttis hidhattootni Amaaraa kunniin ummata meesha-maleeyyii irratti waraana geggeessaniin namoota 21 ajjeesuu isaanii oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa. Manneen ummataas qabeenya waliin gubanii barbadeessaa akka jiran ibsameera.
Weerara hidhattootni naannoo Amaaraa/Faannoo Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin guyyoota sadii gidduutti lammiilee siviiliin 44 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *