๐‹๐š๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐Ÿ๐Ÿ” ๐๐š๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐’๐ก๐š๐ฐ๐š๐š ๐‘๐จ๐จ๐›๐ข๐ญ๐ข๐ญ๐ญ๐ข, ๐€๐ค๐ค๐š๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฌ ๐Ž๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐ฑ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐…๐ฎ๐ซ๐ฌ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐Ÿ๐Ÿ– ๐‡๐ข๐๐ก๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐€๐ฆ๐š๐š๐ซ๐š๐š๐ง ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ก๐š๐ ๐šโ€™๐š๐ฆ๐ž.

Weerara hidhattootni naannoo Amaaraa/Faannoo Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin guyyoota sadii gidduutti lammiilee siviiliin 44 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.

Suuraan Google Map irraa

Hidhattootni naannoo Amaaraa ajjechaa jumlaa lammiilee Oromoo nagaa irratti raawwatan kan itti fufan yoo taโ€™u, guyyaa harโ€™aa Amajjii 23,2023 Shawaa Roobititti dhihoo kan taโ€™e bakka Karra Jajjabaa jedhamutti ilmaan Oromoo siviilii 16 waraqaa eenyummaa isaanii erga ilaalanii booda, konkolaataa irraa buusanii akka ajjeesan oduun SBO dhaqqabe ifa godha.

Sabboonaan Oromoo hawaasa keessatti beekamaa ta’an Sheek Amiin Aliyyii Sheek Mohaammad jedhaman kanneen ajjeesaman keessatti akka argaman beekuun danda’ameera.

Karra Jajjabaan daangaa Shawaa Roobitii fi Jiillee Dhummuuggaa irratti kan argamuu dha.

Amajjii 21,2023 irraa qabee hidhattootni naannoo Amaraa fi humni Faannoo waltaโ€™uudhaan meeshaalee waraanaa hammayyaawaa hidhatuun Oromoo Kaaba Oromiyaa Godina Walloo irratti waraana bananii jiran.

Godina Walloo Ona Jiillee Dhummuuggaa gandoota Haxaayyee, Gubbaa Waaccuu, Hallaala, Diric, Qundee, Mararrer, Jawwahaa, Nageesso, Baalcii, Wasan Ququrii fi Karra Jajjabaa akkasumas Ona Sambatee gandoota garagaraa keessatti hidhattootni Amaaraa/Faannoo ummata Oromoo irratti lola bananiin lubbuu ummata siviilii hedduu baasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Amajjii 21,2023 Ona Harxummaa Fursee bakka Harawaaca jedhamutti humnootni goolessitoota Amaaraa ummata keenya irratti weerara bananiin namootni 7 yeroo ajjeesaman, 12 ammoo madaaโ€™uu oduun arganne ifa godha.

Guyyaa harโ€™aa Amajjii 23,2023ttis hidhattootni Amaaraa kunniin ummata meesha-maleeyyii irratti waraana geggeessaniin namoota 21 ajjeesuu isaanii oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa. Manneen ummataas qabeenya waliin gubanii barbadeessaa akka jiran ibsameera.

Weerara hidhattootni naannoo Amaaraa/Faannoo Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin guyyoota sadii gidduutti lammiilee siviiliin 44 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO