Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n weerara seeraan alaa fi ajjechaa jumlaa hidhattootni naannoo Amaaraa fi Faannoo jedhaman Oromoota Walloo irratti deemsisaa jiran kana akkuma arma duraa ammas cimsee balaaleffataa, gocha isaanii bineensumma fi abaaramaa kana irraa akka dhaabbatan gaafata.
๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐ฅ๐ฅ๐จ๐จ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐จ๐ฅ๐ฅ๐ข ๐๐ข๐ง๐๐๐๐ฐ๐๐๐ง ๐๐๐ง๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ข ๐๐๐๐๐๐ง๐ฒ๐ข ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐ข๐ซ๐๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐ก๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐ฃ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐๐๐ข๐ข ๐๐๐ โ ๐๐ฆ๐๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐,๐๐๐๐
Kaaba Oromiyaatti lolli qindaawaan mootummaa naannoo Amaaraatiin ummata Oromoo irratti banamuun lubbuun lammiilee nagaa badaa jira. Manaa fi qabeenyi Oromoota Walloo manca’aa fi saamamaa jira. Oromoonni Walloo bulchiinsaan Oromiyaa irraa citanii naannoo Amaaraa jalatti bulaa jiraachuun ni beekama. Yeroo adda addaattis duulli hamaan mootummaa naannoo Amaaraa fi federaalaatiin qindaa’e, ummata kana irratti balaa lubbuu fi qabeenyaa dhaqqabsiisaa tureera. Haalli weeraraa kun osoo hin dhaabbatin ykn furmaata hin argatin harโa gahee jira. Ammas haaluma kanatu Oromoota Walloo irratti raawwatamaa jira.
Amajji 21, 2023, Kaaba Oromiyaa, Godina Walloo Ona Jiillee Dhummuugaa keessatti humni addaa Amaaraa meeshaalee waraanaa gurguddaatiin qonnaan bultoota Oromoo irratti lola banuun lubbuu namoota nagaa fi siviilii hedduu balโeesseera. Manaa fi qabeenya ummataas mancaaseera.
Lolli qindaawaan kun humna addaa Amaaraa fi garee Faannoo jedhamuun kan geggeeffamaa jiru yoo tahu, kan lolicha qindeessee ummata ficcisiisaa jiru mootummaa naannoo Amaaraa ti. Quba qabeenya mootummaa naannoo kanaan ala wanti Walloo keessatti taโaa jiru hin jiru.
Mootummaan naannoo Amaaraa humna addaa Amaaraa, Faannoo fi miliishaa Amaaraa, kaabinoota godinaa fi onoota Godina Kamisee walitti qindeessuun qonnaan bultoota Oromoo waraanaa jira. Caasaaleen mootummaa federaalaas yoo dhoksaadhaan hidhattoota Amaaraa gargaaruu tahe malee nageenya ummata Oromoo Walloo eeguuf carraaqqii godhee hin beeku. Inumaahu mootummaa naannoo Amaaraa gargaaree yeroo adda addaatti ummata Oromoo Walloo kan ficcisiisaa jiru mootummaa federaalaa tahuun ni beekama.
Osoo caasaaleen nageenyaa mootummaa federaalaa jiruu ummatni kun irra deddeebiin weeraramee jumlaan ajjeesamaa, qabeenyii fi manneen isaa gubataa akka ture ragaa hedduu dhiheessuun ni dandaโama. Kun kan mulโisu mootummaan federaalaa nageenya ummata kanaa tiksaa akka hin jirree dha. Harโas kanumatu taโaa jira.
Lola qindaawaa kanaan guyyoota sadan darbanitti qonnaan bultooni Oromoo Walloo 65 ol tahan qe’ee isaanii keessatti ajjeefamaniiru. Guyyaa kaleessaa, Amajji 23, 2023 qofa namoonni 39 kan maqaan isaanii beekame hidhattoota mootummaa naannoo Amaaraa kanaan ajjeefamaniiru. Kanneen rasaasaan rukutamanii madaa’anis baayโee dha. Kanneen kumaan lakkaawaman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Manneen ummataa hedduunis qabeenya keessa jiru waliin gubateera.
Amajjii 23,2023 Oromoonni Walloo Finfinnee irraa gara san imalaa turan, naannawa Shawaa Roobit bakka Karra Jajjabaa jedhamutti, waraqaa eenyummaa isaaniitiin adda baafamuun namootni 16 konkolaataa keessaa buufamanii haala suukanneessaa taheen ajjeefamaniiru.
Lolli kun ammatti gandoota baadiyyaa fi magaalota Ona Jiillee Dhummuugaa keessatti babal’atee itti fufee jira. Ganda Wasan Qurqur, Kollaash, Allaalaa Dirriic, Qundee, Waaccuu, Baalcii, Walakkoo, Goodaa, Magaalaa Axaayee fi Sambatee keessatti lola kanaan lubbuun namoota baayโee darbee, namoonni hedduun miidhamanii, akkasumas manaa fi qabeennyi ummataa hedduun manca’eera. Kanneen dhibba tokkoo ol tahanis madaa’aniiru. Dhร abbileen fayyaa tohannoo mootummaa naannoo Amaaraa jala waan jiraniifis kanneen madaa’an yaala dhabuun du’aaf saaxilamaa jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n weerara seeraan alaa fi ajjechaa jumlaa hidhattootni naannoo Amaaraa fi Faannoo jedhaman Oromoota Walloo irratti deemsisaa jiran kana akkuma arma duraa ammas cimsee balaaleffataa, gocha isaanii bineensumma fi abaaramaa kana irraa akka dhaabbatan gaafata. Kanneen ummata siviilii jumlaan fixanis seeraan gaafatamuu qabuunis ejjennaa ABO ti.
Lola qindaawaa warra babal’ifattoota lafaatiin irratti baname kana dandamachiisuuf ummanni Oromoo bakka mara irraa Oromoota Wallootiif birmannaa gochuu qaba. Addatti ammoo Oromoonni Walloo bakka lolli itti geggeeffamaa jirutti dhiyoo jiran waliif birmachuudhaan wal dhaqqabuu fi wal tumsuun fardii taha. Ummanni Oromoo marti kanneen qe’ee isaa irratti isa waraanuuf itti dhufan kamuu of irraa qolachuuf yeroo hunda of qopheessuun dirqama taha jenna.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, waraana qindaawaa mootummaan naannoo Amaaraa Oromoota Walloo irratti geggeessaa jiru kana ammas irra deebiโee cimsee balaaleffata.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajji 24, 2023
Finfinnee, Oromiyaa


Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *