Tarrisa maqaalee Qonnaan bultoota Oromoo Wallootti dhumatan
Ona Jiillee Dhummuugaatti qonnaan bultoota Oromoo Weerartootaan lubbuu dhabanii fi mada’an

Weerara qindaa’aa hidhattootni naannoo Amaaraa fi goolessitootni Faannoo Kaaba Oromiyaa Walloo irratti Amajjii 21,2023 irraa qabanii geggeessaa jiraniin lammiileen Oromoo hedduun ajjeesamanii, baay’eenis madaa’aniiru. Manneenii fi qabeenyi ummata Oromoo hedduun humna alagaa kanaan barbadaawaniiru. Onoota Jiillee Dhummuugaa, Harxummaa Fursee fi Sambataa keessatti lola goolessitootni kunneen Oromoota Walloo irratti bananiin ummata siviilii irra miidhaa guddaan gahuun mirkanii dha. Lolli ummata nagaa irratti baname kun amma illee itti fufeera.
Amajjii 23,2023 Wixata darbe lola hidhattootni mootummaa naannoo Amaaraa fi humni Faannoo Ona Jiillee Dhummuugaa ganda Wasan Qurqur irratti bananiin qonnaan bultoota Oromoo meesha-maleeyyii hedduutu lubbuu dhabe; baay’eetu madaa’e. Kanneen ajjeesaman keessaa kan ammaaf maqaan isaanii SBO dhaqqabe:
1) Sayid Mohammed Huseen
2) Aliyyii Sayid Ababo
3) Umar Muhee Hasan
4) Mohammed Sayid
5) Mohammed Golee Qumsii
6) Amaaduu Golee Qumbsii
7) Muhee Umar Jaafar
Aliyyii Umar Mohammed
9) Aliyyii Arbiyee Abdallaa
10) Abdallaa Ahmed Alii
11) Abdallaa Umar Abdallaa
12) Abdallaa Mohammed Ahmed
13) Abduu Ahmed Dawwee fi
14) Sheek Umar Aliyyii
Kanneen madaa’an keessaa kan ammaaf maqaan nu gahe:
1) Aliyyii Haajii
2) Abdallaa Aliyyoo
3) Hasan Mahammad Hasee
4) Jawaar Mohammed Diimaa
5) Hamadee Umee
6) Umar Muhee Umee fi
7) Umaree Ahmed
Ammallee hidhattootni naannoo Amaaraa bifa kanaan Oromoota Walloo irratti duula bananii jiran itti fufaa jira. Humna isaanii garasitti guuruus itti fufaniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *