Obbo Taakkalaa Uumaatti Roorrisamuun dhaga’ame

Obbo Taakkalaa Uumaa Washington DC. keessatti itti roorrisame

Obbo Taakkalaa Uumaatti Roorrisamuun dhaga’ame

Ministeera Albuudaa kan turan Obbo Taakkalaa Uumaa magaalaa guddoo biyya Amerikaa kan taate Washington DC. keessatti itti roorrisamuun mul’ate.

Obbo Taakkalaan Amajjii 14,2023 aangoo ministeerummaa isaanii irraa kan geggeessaman yeroo ta’u, amma dhimma maalii fi dirqama hojii mootummaa sadarkaa maaliitiin gara Amerikaa akka deeman kan hin ibsamin jiru ta’uu kan himan maddeen, dhuunfaan deemanii fi hojii mootummaaf haa ta’uu ammatti waan adda baasame akka hin jirrellee hubachiisu.

Namootni Obbo Taakkalaa Uumaa bakka isaan taa’anii shaayee dhugaa jiranitti itti seenuun arrabsoo fi dheekkamsaan itti roorrisan kun haga isaan bakka taa’anii gadi ba’anii deemanitti illee duukaa deemanii arrabsaa akka turan suur-sagaleen (vidiyoon) mul’atu ni ibsa. Namootni kun Itophiyaanota Afaan Amaaraa dubbatan ta’uus maddeen DC ifa godhu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO