Weerarri Koleeraa yeroo jalqabaatiif Hagayya 27, 2022 Godina Baalee Ona Harannaa Bulluqitti eegaluudhaan gara godinoota waldaangessan Arsii Lixaa Ona Nansaboo fi Godina Gujii akkasumas Ona Liibanitti babalโatuu OCHAn ifa godhe.
Weerara Koleeraa Oromiyaa fi Naannawa Somaaleetti Dhalate ilaalchisuun gabaasa UN

Dhibeen Koleeraa Godinaalee Oromiyaa fi Naannoo Somaaleetti Namoota Kumaan Lakkaawaman Irratti Argamuu fi Lubbuu kanneen 28 Taโanii ammoo Galaafachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Beeksise.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindoomina Dhimmoota Gargaarsa Namoomaa (OCHA)n, Oromiyaatti weerarri Koleeraa gandeen 66 kan Onoota 8 godinaalee Baalee, Gujii fi Arsii Lixaa keessatti argamanitti akkaan babalโataa jiraachuu gabaasa tibbana baaseen addeesse. Akkasuma naannoo Somaaleettis Onoota 2 kan Zoonii Liiban keessaattis rakkoo fakkaataan mudatuu ibse.
Weerarri Koleeraa kun yeroo jalqabaatiif Hagayya 27, 2022 Godina Baalee Ona Harannaa Bulluqitti eegaluudhaan gara godinoota waldaangessan Arsii Lixaa Ona Nansaboo fi Godina Gujii akkasumas Ona Liibanitti babalโatuu eere.
Godina Baalee Onoota Barbaree, Harannaa Bulluq, Dalloo Mannaa, Gurra Dhaamolee, Madda Walaabuu fi Goorootti waliigalaan namootni 558 dhibee Koleeraan qabamuu kan tuqu ragaan OCHA, kanneen keessaa 11 akka duโan ibsa. Bifuma walfakkaatuun Godina Gujii Ona Girjaatti namootni 203 Koleeraan qabamanii namni 1 yoo lubbuun dhabu, Arsii Lixaa Ona Nansaboottis kanneen Koleeraan qabaman 95 keessaa namni tokko duโuu beeksisee jira.
Weerarri kun hamma ammaatti furmaata gahaa dhabuu irraa lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii fi lubbuun isaanii gaagaโamaa jiruu akkaan dabalaa jiraachuus akeekkachiise.
Jalqaba baatii Amajjii 2023 kaasee lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii %30n dabaluu kan tuqe Waajjirri Qindoomina Dhimmoota Gargaarsa Namoomaa (OCHA)n, hanga Amajjii 30 bara 2023tti namoota 28 dhibee kanaan duโan dabalatee lammiileen 1,055 dhukkubichaan qabamuus ragaadhaan deggeree kaaโe. Kanneen keessaa 1,991 kan ta’an lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii harka namaa eeggachaa jiranii dha. Harki guddeessi namoota dhibee kanaan duโanii daaโimman umriin waggaa 14 fi sanaa gadii keessumaa daaโimman ganna 5 gadii tahuu ragaa OCHAn tibbana baase irraa hubachuun ni dandaโama. Onoota 10 dhibee kanaan miidhaman keessatti namoonni miliyoona tokkotti dhihaatan balaa guddaa keessa jiru jechuudhaan sadarkaa hammina rakkinichaa ibsa OCHAn.
Akka gabaasa OCHAtiin ibsametti, Muddee 26, 2022 Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa akkaataa Karoora Koleeraa Dhabamsiisuu Biyyaalessaa hojii irra oolchuun danda’amu irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walga’ii gaggeessee ture. Walgaโicha irratti dhaabileen miti-mootummaa fi dhaabbileen mootummaa kanneen akka Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa, Biirolee Fayyaa Naannolee Oromiyaa fi Somaalee, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Fandiin Gargaarsaa daa’immanii-UNICEF hirmaataniiru.
Amajjii 13, 2023 duulli Talaallii Koleeraa Afaaniin laatamuu (OCV) Oromiyaa fi naannoo Somaaleetti kan eegalame tahuu gabaasa isaatiin kan tuqe OCHAn, haa tahuu malee namoota dhukkuba kanaan qabaman keessa %77 ol hanga ammaatti talaallii Koleeraa afaaniin laatamu hin fudhanne jechuudhaan karooraa fi walgahii Bilxiginnaa fakkeessiif gaggeeffame saaxila.
Ummanni xiyyeeffannaa fi tarkaanfii furmaata weeraraa dhibee isa mudate irraa lubbuun isaa baraaru dhabuun haala akkaan yaaddessaa keessa jiraachuu kan hubachiisu gabaasni kun, qaamoleen miti-mootummaa adda addaa haala ulfaataa keessatti tattaafataa jiraachuu ibse.
Maallaqa gahaa dhabuu fi michootni gargaarsaa argamuu dandaโan murtaawoo tahuun rakkina hawaasa mudate kanaaf furmaata gochuuf tattaaffii taasifamuuf danqaalee jiran tahuu ibse.
Kanatti dabalee hanqinni dawaa talaalliin laatamuu, meeshaaleen waldhaansaa, kanneen qorannoo qulqullina bishaaniif feesisan, kuusaan ibshaanii fi Ambulaansiin murtaawoon jiraachuu akkasumas ogummaa teeknikaa bulchiinsa dhimma dhibee koleeraa gahaa dhabuu fi rakkoon nageenya naannichaa gufuulee ijoo taโuus beeksise.
Rakkoo nageenyaa guyyuu hammaataa deemaa jiruun gamattis gogiinsaa fi hoongeen naannolee dhibeen Koleeraa itti kaโe kanneenitti ummata mudate rakkinicha dachaa taasise.
Koleeraan baakteeriyaa Vibiroo koleeraa jedhamuun kan dhufu yoo ta’u, yeroo baay’ee nyaata yookiin bishaan faalameen daddarba. Jiraattota dhibee kanaan qabaman keessaa irra jireessi (80%) bishaan iddoo qulqullina hin qabnee akka fayyadaman dubbataniiru kan jedhe gabaasni OCHA, dhabamuun tajaajila bishaan qulqulluu fi hanqinni gama qulqullina naannoo eeguutiin jiru sababoota ijoo weerarri Koleeraa saffisaan akka babalโatuuf gumaachan keessaa hangafoota jedha gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindoomina Dhimmoota Gargaarsa Namoomaa (OCHAn) tibbana baase.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *