Haalli ummanni keenya gama Kaabaa; Godinni Walloo keessa jiru hedduu yaaddessaa dha.
Weerrarrii fi babal’fannaan daangaa golee Oromiyaa irratti bifa qinda’een gaggeefamaa jiru Oromoo fi Oromiyaa diiguuf kan akeekate tahuutti akka hubatu Waldaan Hawaasa Oromoo naannawa Jibuutii beeksise.
Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii kana kan hubachiise haala yeroo ammaa addatti weerara ummata Oromoo irratti geggeessamaa jiru irratti fuuleffachuudhaan ibsa baaseeni.
Oromoon akka sabaatti erga kolonii gita bittoota Habashaa jalatti kufeetii kaasee yeroo inni itti nagaa fi tasgabbiidhaan jiraate yaadachuun ni ulfaata erga jedhee booda, akka sabaatti Oromoo adamsuu fi ajeesuun, daangaa isaa dhiibuu, qabeenya isaa saamuu fi barbadeessuun aadaa fi hoj-maata biyyattii ta’uu yaadachiise.
Sirni mootummaa ammaa kabajamuu mirga dhala namaa fi olaantummaa ummataa moggaatti dhiisee fayidaa fi dantaa dhaaltee akeeka sirna moofaa tiksuu irratti xiyyeeffatee jiru keessatti, sarbamiinsi mirgoota namoomaa fi dimokraasii mul’ataa jiru, rakkoo fi gidiraa sabni keenya yeroo ammaa keessa jiru daangaa darbuu agarsiisa jechuun Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii ibsa isaa kanaan addeesseera.
Silaa gaheen Mootummaa, roorroo keessaa fi alaa dhufu ittisuuf, wabii heeraa fi seeraa mirkaneessuu tahee osoo jiruu, mootummaan PP finxaaleyyii sossobuu, ummatatti goobsuu fi yakkaa fi badii dalagaa jiraniif golgaa siyaasaa taheefii of mul’su arguun hedduu nama gaddisiisa erga jedheen booda, har’a finxaaleyyiin naannoo Amaaraa irraa ka’uun saba keenya goolaa jiran tikaa fi tumsa mootummaa feederaalaa fi bulchiinsa naannichaatiin akka tahe mul’ataa dha jedheera. Lolli qindaawaa fi weerrarri daangaa gama maraan Oromiyaa irratti labsamee jiru tumsa waloo mootummaa gabroomfataa PP fi wahiloota isaa gidduu jiru akka tahe, galmi isaas Oromoo jilbeenfachiisuu fi biyya isaa diiguuf akka tahetti hubanna jedheera.
Labsii waraanaa fi weerara daangaa golee Oromiyaa hedduu keessatti labsame cinaatti, olollii fi maqaa bal’eessiin qabsoo Oromoo xureessuu fi mirga of irraa ittisuu sabni keenya gochaa jiru xiqqeessu bal’inaan oofamaa akka jiru quba qabna kan jedhe Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii, miidiyaalee mootummaa dabalatee kanneen marsaalee hawaasaa irratti balballoomaa oolan rooroo fi gidiraa Oromoo irra gahu waakkachuu isaaniitiin walqabatee sagalee dhabuun saba keenyaa yaaddessaa dha jedheera.
Daangaan Oromoo gama maraan sharafamee to’annoo fi bulchiinsa alagaa jalatti buluuf dirqamuun akkuma jirutti tahee, har’as gama hedduun daangaa Oromoo dhiibuun, saba keenya qe’ee isaa irraa buqisuun, ajjeesuu f qabeenya isaa barbadeessuun aadaa fi hojimaata sirnaa to’annoo fi iggita dhabe akka ta’e hubachiisa.
Lolli qindoomina milishoota naannoo amaaraa fi finxaaleyyii naannichaan, kanneen faannoo ofiin jedhaniin godinoota Wallagga bahaa, Giddu galeessaa fi Kaaba Shawaa, Fantaallee fi naanawaa isaatti gageefamaa turee fi har’as itti jiru dhaabbii dhabuun walqabatee, kajeellaan daangaa babal’fannaa gama Baha Oromiyaa irratti baroota eegatee dhohu haala mijataa laafinsa sirna mootummaa jirutti hirkatee har’as ummata keenya daangaa irra jiru irratti balaa hamaa qaqqabsisaa akka jirus quba qabna jechuun Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii ibsa isaa tibbanaa kanaan ifa godha.
Gama biraan haalli ummanni keenya gama Kaabaa; Godinni Walloo keessa jiru hedduu yaaddessaa dha erga jedheen booda, akeekni gama kanaan jiru bulchiinsa godinichaa humnaan diiguu qofa irratti kan xiyyeefate osoo hin taane, duguuggaa sanyii barootaaf itti karoorfame dhugoomsuuf kan akeekkate ta’uu addeessa.
Lola qindaawaa milishaa naannoo Amaraa fi hidhattoota finxaleyyii Faannootiin banameen lubbuun namoota nagaa akka darbe, qabeenyii fi manneen ummataa hedduun akka barbada’e, kanneen lakkoofsaan hin beekamne qe’ee irraa akka buqaa’anii fi bakka buuteen isaanii kan hin beekamne hedduu akka tahan kan hubachiise ibsi Waldaa Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii kun, haala qabatamaa fi ilaalcha finxaalessummaa naannoo Amaraa keessa jiruun, wabiin jiruu fi jireenya ummata keenya Godina Walloo yaaddessaa dha ta’uu ifoomsa. Duulli godinicha irratti geggeessamaa jirus akeekni isaa Oromoo fi Oromiyaa diiguu akka tahe hubachuu fi ummata kana cina dhaabbachuun dirqama Oromoo maraa ta’uu hubachiiseera Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii.
Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii xumura ibsa isaa kana irratti yaamichaa fi gorsa qabxiilee adda addaa of jalaa qabu dabarseen, qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessamaa turee fi har’as itti jiramu daran jabeessuuf, jaarmiyoomsuuf, tumsa waloo fi hanga wareegama lubbuu fi qabeenyaa waan gaafatuuf, gama keenyaan tokkummaa fi ijaarsa jaarmaa keenyaa cimsataa, tindhisa dinagdee irratti jabaannee akka hojjennu, akkuma kaleessaa lafee dugdaa qabsoo bilisummaa Oromoo taanee akka of mul’isnu gadi jabeessinee dhaammanna jedhee jira.
Humnootni daangaa Oromiyaa humnaan cabsuuf wixxifatan kanneen dheebuu babal’ifannaa daangaatiif foolachaa jiran marti hariiroo ummatoota gidduu jiru booressuu irraa akka if qusatan, akkasumas mootummaan Bilxiginnaa golgaa fi Isponsera finxaaleyyii ta’uu irraa akka of qusatu jabeessinee gaafanna erga jedheen booda, murni aangoo of harkaa qabu kun, maqaa “Shanee” jedhuun gaaffii ummata bal’aa ukkaamsuu irraa akka dhaabbatu, finxaaleyyii Amaaraa ummata nagaa ittiin ficcisiisaa jiru irraa akka if qusatu gaafatuun, badii fi yakka suukanneessaa hanga duguuggaa sanyiitti raawwatameef gaafatamni kan isaa ta’uu hubachiisee jira.
Ummata keenya qe’ee isaa irratti nageenya dhabee buqa’ee, qabeenyi irratti barbada’e, maatii wareegamtootaa fi warra qaamaa fi qor-qalbiin isaanii miidhame, keessattuu warra bulchiinsa seeraan alaa jalatti gidirfamaa jiran, ummata keenya Godina Walloo gargaarsaa fi sagalee tahuufiidhaan akka cina dhaabbannu dhaammanna jedhee jira.
Dhuma irratti Waldaan Hawaasa Oromoo Naannawa Jibuutii, rakkoolee walxaxaa biyyattiifis tahe nageenya Oromoo fi Oromiyaadhaaf furmaanni waaraan, yaada marii fi nageenyaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi tumsitoota qabsoo bilisummaa Oromootiin dhihaate waan ta’eef, murni aangoo biyyattii if harkaa qabu PPn, lola WBO fi ummata Oromoo irratti labse dhaabee gara mariitti akka deebi’u, Oromiyaa dirree lolaa fi jeequmsaa gochuu irraa akka of qusatu, lola daboo fi birmannaa finxaaleyyii Amaaraa fi weerara daangaa akkasumas babal’ifannaa lafaa Oromiyaa diiguu irratti akeekkate akka dhaabsisu cimsanii gaafataniiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *