J/Kennasaa Ayyaanaa Dhibee Lammataaf Saaxilamuun Haala Ulfaataa Keessa Jira.

<strong>J/Kennasaa Ayyaanaa Dhibee Lammataaf Saaxilamuun Haala Ulfaataa Keessa Jira.</strong>

Jaal Kennasaan akka malee dhukkubsatee jiraachuu kan ibsu oduun kun, gargaarsa namaan/qabaa malee sochoโ€™uu kan hin dandeenye taโ€™uu hubachiisa.

J/Kennasaa Ayyaanaa Dhibee Lammataaf Saaxilamuun Haala Ulfaataa Keessa Jira.

Miseensi GS-ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa dhibee duraan dhukkubsataa jirutti dabalee dhibee Dugdaan qabamee haala ulfaataa keessatti akka argamu oduun amma SBO dhaqqabe ifa godha.

Hogganootaa fi qondaalota ABO Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii jiran keessaa tokko kan taโ€™e Jaal Kennasaan, dhibee dugdaa amma isa qabee jiruuf buufata fayyaa naannoo sana jirutti geessamus, humna keenyaa oli jechuun gara Hospitaala Phaawuloositti akka darbu (refer) gochuun dhagaโ€™ameera.

Jaal Kennasaan akka malee dhukkubsatee jiraachuu kan ibsu oduun kun, gargaarsa namaan/qabaa malee sochoโ€™uu kan hin dandeenye taโ€™uu hubachiisa.

Dhiibbaa Dhiigaa, Sukkaaraa fi Kilostiroliin mana hidhaa keessatti kan hiraaraa jiru Jaal Kennasaan, amma immoo dhibee Dugdaan qabamee haala hamtuu keessatti waan argamuuf, kanneen dhimmi ilaaluu fi hawaasni Oromoo bakka jiru hundaa sagalee taโ€™uufii akka qabu dhaamsa dabarsina.

Miseensi SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa fi J/Gadaa Gabbisaa dhibee Tiruu hamaa taโ€™een qabamuun, akkasumas J/Gadaa Oljirraa miidhama miilaa qabsoo keessatti isa mudateen dhibeen isaa deebiโ€™ee itti kaโ€™uun sadan isaanii mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu keessatti dhibeelee kanneeniin rakkachaa jiran.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii jiran:

1) J/Abdii Raggaasaa

2) J/Mikaaโ€™el Booran

3) J/Kennasaa Ayyaanaa

4) J/Lammii Beenyaa

5) J/Daawit Abdataa

6) J/Gadaa Oljirraa fi

7) J/Gadaa Gabbisaa ti.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO badii takkaan maleetti waggoota lamaa hanga sadiโ€™ii manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarsamaa turanii fi jiran kunniin manni murtii yeroo adda addaatti bilisa isaan baasu iyyuu, ajaja mootummaa Bilxiginnaan poolisiin gadhiisuu didee hidhaa keessatti ittisee jiraachuun beekamaa dha.

Jaarmaa mirga namoomaa Itophiyaa dabalatee dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman adda addaa hogganootni ABO kunniin erga manni murtii bilisa isaan godhee mootummaan hidhaa keessatti ittisuun seera miti jechuun akka gadhiisu ibsa baasaniin gaafataa turuun ni yaadatama.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO