Godina Wallagga Bahaa Irraa Kan Buqqaโ€™an Lammiileen Oromoo Rakkoo Hamtuu Keessa Akka Jiran Ibsame.

<strong>Godina Wallagga Bahaa Irraa Kan Buqqaโ€™an Lammiileen Oromoo Rakkoo Hamtuu Keessa Akka Jiran Ibsame.</strong>

Lammiileen Oromoo Godina Wallagga Bahaa irraa weerara finxaaleyyii Amaaraa Faannoon qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an gargaarsa malu dhabanii rakkoo guddaa keessa jiru.

Godina Wallagga Bahaa Irraa Kan Buqqaโ€™an Lammiileen Oromoo Rakkoo Hamtuu Keessa Akka Jiran Ibsame.

Sababa weerara humna finxaaleyyii naannoo Amaaraa Faannoo jedhamaniin lammiileen Oromoo Godina Wallagga Bahaa irraa buqqaโ€™an rakkoo hamtuu keessatti argamu. Bulchitootni sirna Bilxiginnaa nageenyi Godina Wallagga Bahaa osoo hin mirkanaaโ€™in ummata buqqaโ€™e qeโ€™eetti deebisuuf dhiibbaa godhaa jiran.

Haala ummatni kun keessa jiru irratti tibbana gabaasa kan dhiheesse Addis Standard, lammiileen haleellaa Godinoota Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu keessatti raawwatameen qeโ€™ee isaanii irraa buqqaโ€™anii magaalaa Giddaatti baqatan hanqina nyaataa fi tajaajila waldhaansaa dhabuun haala hamtuu keessatti argamuu isaanii mirkaneesse.

Jiโ€™a tokko ykn lama keessatti daakuun kiiloon 25 maatii tokkoof akka kennamu, tajaajilli bishaan qulqulluu akka hin jirre, lagaa akka waraabbatan ykn kan dandaโ€™u bitee akka fayyadamu, tajaajilli fayyaa akka hin jirre baqattoota magaalaa Giddaatti argaman irraa akka odeeffate kan gabaase Addis Standard, irra caalaan buqqaatotaa daandii irra akka jiraatan, halkan halkan ammoo balbala namaa irra akka ciisan yaada buqqaatotaa kana waabeffachuun ifa godha.

Lammiilee Oromoo kuma 30 ol taโ€™an magaalaa Giddaatti argaman rakkoo gaagaโ€™ama namoomaa hamtuu keessatti argamuu isaanii jiโ€™a Muddee darbe keessa gabaasuu kan yaadachiise Addis, bulchaan Ona Giddaa Ayyaanaa Obbo Ijjiguu Guddataa lammiileen Oromoo 22,000 ol taโ€™an kan Ona Kiiramuu fi 13,000 kan gandoota Ona Giddaa Ayyaanaa jalatti argaman keessaa buqqaโ€™an magaalaa Giddaa keessatti akka argaman miidiyichaaf ibsuu addeessa.

Bulchitootni Bilxiginnaa Godina Wallagga Bahaa gargaarsi karaa Onaatiin akka kennamu murtaawe kan jedhuun buqqaatotni Ona Kiiramuu irraa gara magaalaa Giddaatti baqatan gara Ona isaaniitti akka deebiโ€™aniif dhiibbaan godhamu illee, ummatni kun rakkoon nageenyaa ammallee furmaata hin argatin jiraachuu irraa gara qeโ€™ee isaaniitti deebiโ€™uu sodaatuun achumatti rakkoof saaxilamanii jiran.

Bulchitootni Onoota Godina Wallagga Bahaa haala rakkoo nageenyaa weerara humna finxaaleyyii Amaaraa Faannoo osoo furmaata itti hin godhinii fi haala weerarichaatti xumura osoo itti hin godhin ummata ajjechaa jumlaa jalaa dandamatee baqate kanaan Ona keessanitti deebitan malee gargaarsa malu hin argattan jechuun dhiibbaa godhanis, ummatni garuu rakkoon nageenyaa jiraachuu himuun, gara Ona Kiiramuus taโ€™e iddoo birootti deebiโ€™uu kan hin barbaadne taโ€™uu dubbataa jira.

Rakkoon nageenyaa ture osoo hin furamin gara ganda irraa buqqaโ€™aniitti deebiโ€™uun rakkoo biraaf akka isaan saaxilu, nageenyi naannoo amansiisaa akka hin taane, erga humnootni mootummaa iddoo gadi lakkisanii booda, hidhattootni Faannoo deebiโ€™anii dhufuun haleellaa marsaa biraa eegaluu waan isaan dhorku hin jiru jechuun lammiileen Oromoo Ona Kiiramuu irraa buqqaโ€™anii magaalaa Giddaatti argaman ifoomsaniiru.

Hanga ammaatti mootummaan nageenya godinichaa deebisee mirkaneessuu akka hin dandaโ€™in jiru kan dubbatan buqqaatotni kunniin, haala kana keessatti akka nuti gara Ona Kiiramuutti deebinuuf dhiibbaan nu irratti godhamaa jiru guddaa dha jechuun yaada isaanii Addis Standardiif ibsaniiru.

Goolessitoota Faannoon, qabeenyi isaanii akka saamamee fi barbadaawe, manneen akka duraa gubatan, midhaan lafa qonnaa irratti ibiddi itti qabsiisamee akka barbadaawee fi loowwan akka duraa saamame kan dubbatan lammiileen Oromoo Ona Kiiramuu irraa buqqaโ€™an kunniin, haleellaa humni finxaaleyyii Faannoo Sadaasa 25 fi 29 Ona Kiiramuu keessatti raawwataniin namootni hedduun ajjeesamuu fi jiraattotni Ona Kiiramuu guutummaatti buqqaโ€™uu yaadachiisaniiru.

Gargaarsi namoomaa ummata qeโ€™ee ofii irraa sababa weerara humna alagaan qeโ€™ee isaanii irraa buqqaโ€™anii dirree irratti facaโ€™an kanaaf godhamaa jiru kan barbaadamuun gadi taโ€™uu garuu bulchitootni kunniin hin dhoksine; dhaabbattootni mootummaa fi dhuunfaa gargaarsa cimsanii akka itti fufan gaafachuu isaaniis Addis Standard gabaaseera.

Akka odeessi tibbana baโ€™aa jiru hubachiisutti, finxaaleyyiin naannoo Amaaraa Faannoo jedhaman Baha Wallaggaa fi Horroo Goduruu Wallaggaa irraan haleellaa biraa ummata irratti fudhatuuf qophii fi sochii tokko tokko godhaa jiran. Kana waan taโ€™eef, ummatni Oromoo dammaqinaan of eeguu fi haalota jiran hordofuu qaba jechuun dhaamsa darbeefii jira.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO