Dhiibbaa Dhiigaa, Sukkaaraa fi Kilostiroliin mana hidhaa keessatti kan hiraaraa jiru Jaal Kennasaan, amma immoo Diiskiin dugdaa rakkoo godhatuun haala hamtuu keessatti waan argamuuf, J/Kennasaan hidhaa irraa ba’ee akka waldhaanamuuf kanneen dhimmi ilaaluu fi hawaasni Oromoo bakka jiru hundaa sagalee ta’uufii akka qabu, sirna PP irratti dhiibbaa akka godhu dhaamsa dabarsina.
Dhibee Dugdaan qabamee kan dhukkubsataa jiru J/Kennasaa Ayyaanaa Diiskiin Dugdaa miidhamuun barame.

Miseensi GS-ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa yeroo darbe dhibee dugdaa godhatee mana wal’aansaatti daddeebi’aa kan ture yoo ta’u, guyyaa har’aa Gurraandhala 17,2023 qormaata (checkup) waliigalaa taasisameefiin diiskiin dugda isaa miidhamuun beekameera.
Dhibee kana waldhaanuuf waldhaansi baqaqsanii hodhuu (opireeshiniin) akka barbaachisu bakki inni itti waldhaaname Hospitaalli Paawuloos himuun, san dura garuu walitti fufiinsaan torbanitti yeroo lama, ji’oota sadiif physiotherapy hojjechuu akka qabu ajajuun, yo kanaan wayyaa’uu baate opireeshinii gochuun kan hin oolle ta’uu mirkaneesse jechuun oduun arganne ifa godha.
Dhiibbaa Dhiigaa, Sukkaaraa fi Kilostiroliin mana hidhaa keessatti kan hiraaraa jiru Jaal Kennasaan, amma immoo Diiskiin dugdaa rakkoo godhatuun haala hamtuu keessatti waan argamuuf, J/Kennasaan hidhaa irraa ba’ee akka waldhaanamuuf kanneen dhimmi ilaaluu fi hawaasni Oromoo bakka jiru hundaa sagalee ta’uufii akka qabu, sirna PP irratti dhiibbaa akka godhu dhaamsa dabarsina.
Miseensi SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa fi J/Gadaa Gabbisaa dhibee Tiruu hamaa ta’een qabamuun, akkasumas J/Gadaa Oljirraa miidhama lafee miilaa qabsoo keessatti isa mudateen dhibeen isaa deebi’ee itti ka’uun sadan isaanii mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu keessatti dhibeelee kanneeniin rakkachaa jiran.
Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii jiran:
1) J/Abdii Raggaasaa
2) J/Mikaa’el Booran
3) J/Kennasaa Ayyaanaa
4) J/Lammii Beenyaa
5) J/Daawit Abdataa
6) J/Gadaa Oljirraa fi
7) J/Gadaa Gabbisaa ti.
Hogganootnii fi Qondaalotni ABO badii takkaan maleetti, ilaalcha siyaasaa qaban qofaaf waggoota lamaa hanga sadi’ii manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarsamaa turanii fi jiran kunniin manni murtii yeroo adda addaatti bilisa isaan baasu iyyuu, ajaja mootummaa Bilxiginnaan poolisiin gadhiisuu didee hidhaa keessatti ittisuun dhukkubootaa fi qorqalbiin akka dhukkubsatan taasisamanii jiran.
Jaarmaa mirga namoomaa Itophiyaa dabalatee dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman adda addaa hogganootni ABO kunniin erga manni murtii bilisa isaan godhee mootummaan hidhaa keessatti ittisuun seera miti jechuun akka gadhiisu ibsa baasaniin gaafataa turuun ni yaadatama.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *