Hongee cimaa waggoota sadan darbaniif Godina Booranaatti mudateen qabeenya beeyladaa miliyoona 7.2 keessaa miiliyoona 3.3 kan duโan yoo taโu, beeyladoota duโan keessaa %85 ammoo loowwan taโun himameera.
๐๐ผ๐ฑ๐ถ๐ป๐ฎ ๐๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐ผ๐ผ๐ป๐ถ๐ถ %๐ญ๐ฌ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐๐ณ ๐บ๐ฎ๐ฟ๐ด๐ถ ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐น๐ถ๐ถ ๐บ๐ถ๐น๐ถ๐๐ผ๐ผ๐ป๐ฎ ๐ฐ.๐ฐ ๐ผ๐น ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐ฐ๐ต๐ถ๐๐ ๐ต๐ถ๐บ๐ฎ๐บ๐ฒ; ๐๐๐น๐ฐ๐ต๐ถ๐ถ๐ป๐๐ถ ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ป๐ป๐ผ๐ผ ๐๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ฟ๐ถ๐ถ ๐ฑ๐ฒ๐ด๐ด๐ฒ๐ฟ๐๐ฎ ๐ด๐ผ๐ฐ๐ต๐๐๐ณ ๐บ๐๐ฟ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฒ.

Godina Booranaatti qabeenya Loonii % 10 baraaruuf margi beelii miliyoona 4.4 ol akka barbaachisu Bulchiinsi Godinichaa beeksisuu maddeen gabaasaniiru.
Hongee cimaa waggoota sadan darbaniif Godina Booranaatti mudateen qabeenya beeyladaa miliyoona 7.2 keessaa miiliyoona 3.3 kan duโan yoo taโu, beeyladoota duโan keessaa %85 ammoo loowwan taโun himameera.
Loowwan hafan keessaa kuma 230 baraaruuf hojjatamaa jira kan jedhan Bulchaan Godina Boranaa Obbo Jaarsoo Boruu, loowwan kanaaf jiโa sadiif qofa margi beelii miiliyoona 4.4 fi nyaanni kuntaalli kuma 135 kan barbaachisu taโu himuun, hanga ammatti kan dhiyyeessuun dandaโame %1 qofa taโu himaniiru.
Deeggarsi gahaa jiru hanga yaadameen gadi taโuu irraa loowwan kana baraaruun ulfaataa akka taโe kan dubbatan Obbo Jaarsoon, hongee waggoota sadan darban godinichatti mudateen loowwan duโan birri biliyoona 33 olitti kan tilmaamaman taโu addeessaniiru.
Oduu biraatiin Bulchiinsi Naannoon Hararii Godina Booranaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Miliyoona 10 gochuuf murteesse jechuun maddi oduu Addis Standard gabaaseera.
Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii lammiilee Godina Booranaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 10 taasisuuf murteessuu isaa beeksiseera. Mootummaan Naannichaa deeggarsa lammiileef taasisu cimsee kan itti fufu taโuu ibseera.
Sababa hongeetiin godinichatti lammiilee hedduun miidhamaa jiraachuu fi miidhaa qaqqabaa jiru hirโisuufis hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamuu isaa ragaan Kominikeeshinii Naannoo Hararii irraa argame ni mul’isa jechuun Addis Standard gabaaseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *