๐๐จ๐จ๐ซ๐š๐ง๐ง๐ข ๐ฆ๐š๐š๐ฅ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š?

๐๐จ๐จ๐ซ๐š๐ง๐ง๐ข ๐ฆ๐š๐š๐ฅ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š?

Booranni dagatameera; ammoo angafti Oromoo kun dagatamuu hin malle; bor Oromoo hundatu itti sheenawa; Boorana dhumaatii irraa oolchuun dirqama Oromoo hunda ilaallatu taโ€™uu himte. Dhugaan jirus kanuma.

๐๐จ๐จ๐ซ๐š๐ง๐ง๐ข ๐ฆ๐š๐š๐ฅ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š?

Torbanoota lamaa fi sadii dura karaa miidiyaalee keenyaan iyyaa turre; hanga harโ€™aattis iyya kana hin dhaabne. Oromoon Booranaa hongee dhalateen walqabatee beela ulfaattuu, yeroo fi beellama namaaf hin laanneen qabamee harcaโ€™aa jiraa, Oromoo osooma ajandaalee garagaraa guyyuu bocamanii nuu dhufaniin iyyaa oolluu, cinaadhaan ammoo ummata Oromoo Booranaaf sagalee taโ€™aa, gurra ergisaaf jennee iyyaa turre; kan nu dhagaโ€™e garuu xiqqaa ture.

Haa taโ€™uu ammas hin dabarre; guyyoota lamaan kanaa as sochiileen mumulโ€™ataa jiran, duulli miidiyaalee hawaasaa irratti deemaa jiru, ummata kana lubbuu hambisuuf nam-tokkeenis taโ€™e akka gurmuutti, dhaabbattootni tokko tokkos sochiin godhaa jiran abdachiisaa dha. Ummata kanaaf abdii dha.

Booranni dur Aannaan akka bishaaniitti itti fayyadamu harโ€™a loon harkaa dhumuu irraa Aannan waliin wal argaa hin jiru. Aannaan hafnaan bishaan qoonqoo jiifatee lubbuun akka hin baaneef ittiin tursatu iyyuu dhabaa jira. Nyaatuma hangi taate karaa namoota adda addaan itti dhaqaa jiru sababa bishaan hin jirreef sooratuufuu guddoo rakkataa akka jiru tibbana namootni dubbisne nuu himaniiru. Artist Ummuu Booranaas kanuma jabeessitee dubbatte.

Booranni dagatameera; ammoo angafti Oromoo kun dagatamuu hin malle; bor Oromoo hundatu itti sheenawa; Boorana dhumaatii irraa oolchuun dirqama Oromoo hunda ilaallatu taโ€™uu himte. Dhugaan jirus kanuma.

Nam-tokkeen, gurmuun, hawaasni, akka waliigalaatti ammoo Oromoon, Oromoo Booranaa beelaan dhumataa jiru lubbuu oolchuuf osoo beellama hin qabanne karaa isaaf mijatee fi waan dandaโ€™e hundaan itti haa dirmatu jenna.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO