Qaamoleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Qooda Fudhattoonni Dhimmi Ilaallatu Marti, Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa fi Gujii Keessatti Lubbuu Namootaa Baraaruuf Akka Dirmatan Addi Bilisummaa Oromoo Waamicha Taasisa.

Hongeen qaama balaa jijjiirama naannoo fi qilleensaan wal qabatu keessaa tokko yoo ta’e  iyyuu, rakkoon ammaa kun waraana, sochii hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin daran hammaatee jira. Keessumaa immoo kufaatii mootummaa ifatti kan agarsiisuu dha.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon har’a akkanatti hammaate sadarkaa kana irra osoo hin ga’in dura Qaamoleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Qooda Fudhattoonni Dhimmi Ilaallatu biroon tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhataniif daddeebi’ee waamicha gochaa ture. Ji’a  Onkoloolessaa bara 2021 keessa ongeen Kibba Oromiyaa balaawwan hammaatoo jireenya dhala namaa keessaa tokko akka ta’u ibsinee turre.

Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e dararama dhala namaa godina kanaa fi godinaalee ollaa Gujii keessatti mudachaa jiru dandamachuun ulfaataa dha. Dararama haadholii, jaarsolii, daa’immanii fi dhumaatii horii akkanatti arguun laphee nama cabsa. Horiin madda jireenya ummata naannichaa ta’an akkanatti dhumanii dirree irratti faffaca’anii jiru. Bishaanii fi nyaati horii hin jiru.

Hongeen qaama balaa jijjiirama naannoo fi qilleensaan wal qabatu keessaa tokko yoo ta’e  iyyuu, rakkoon ammaa kun waraana, sochii hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin daran hammaatee jira. Keessumaa immoo kufaatii mootummaa ifatti kan agarsiisuu dha.

Mootummaan tasgabba’aa fi itti gaafatamummaan itti dhaga’amu rakkoolee balaa akkanaatiin wal qabatanii dhufan salphaatti to’achuu danda’a. Sirna akeekkachiiftuu duraa fi maloota to’annoo balaa, bu’a qabeeyyii ta’an diriirsuudhaan gaaga’ama hongeen kun lubbuu dhala namaa, dinagdee fi hawaasummaa irraan ga’aa jiru xiqqeessuu fi to’achuun ni danda’ama ture. Haa ta’u malee mootummaan waraana matuma isaatiin Tigiraayii fi Oromiyaa keessatti uumeen qabamee waan turee fi jiruuf, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkanaatiif xiyyeeffannoo hin kennine. Balaa hongee haaluu fi irraa baqachuun amala mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa ittiin beekamanii dha.

Gargaarsi namoomaa qaamolee dhimmi ilaallatuun ummata balaa hamtuu jalatti argamuuf taasifamaa jirus saffisa kan hin qabne, bu’a qabeessa kan hin taane, boodatti kan harkifatee fi baay’ee xiqqaa dha. Qindoomina dhabuun ammoo gufuu ijoo rakkoo kanaa ti.

Yeroo ammaa kanatti dirmannaa fi gargaarsi ummata Oromoo baadiyaa irraa eegalee hanga sadarkaa idil-addunyaatti gochaa jiru abdii kan namatti horuu fi nama jajjabeessuu dha. Tokkummaan ummata  keenyaa warra rakkoo fi balaa hongee jala jiraniif abdii fi jajjabina guddaa ta’ee jira. Qaamolee waan dandeessaniin tumsa gootan mara ABOn isin galateeffata. Akkasumas dhaabbileen miti-mootummaa, gaggeessitoonni hawaasaa fi qaamoleen mirga dhala namaaf falman sadarkaa hammaataa balaan kun irra ga’ee jiru qalbifachuudhaan deggersa sadarkaa balichaan wal simu argamsiisuuf tattaaffii barbaachisaa akka gootan dhaammanna.

Dhuma irratti, hawaasi idil-addunyaa akkuma ammaan duraa harka keessan akka nuuf diriirsitan iyyanna. Balaa sadarkaa baay’ee hammaataa irra ga’e tumsa namoota dhuunfaa fi hawaasaa qofaan to’achuun ni ulfaata. Lubbuu namootaa baraaruudhaaf qindoominni, qabeenyaa fi tarkaanfileen dabalataa argamuu qabu.

Qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi itti gaafatamummaa qaban Baha Afrikaatti bakkoota balaan akkanaa deddeebi’ee mul’atutti rakkinicha yeroodhaaf dhabamsiisuu qofa osoo hin taane, hidda rakkinichaa buqqisuudhaaf furmaata waaraa barbaaduu fi diriirsuun barbaachisaa dha jenna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 27/2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO