Akkamitti haala ummatni kun bifa gaddisiisaa kanaan waan of harkaa qabu cufaan harcaโaa jiruu ajandaan ummata gara biraatti harkisu bocama? Kun itti yaadamee kan godhame; galii mataa isaa qaba.
๐๐๐ซ๐จ๐จ ๐ฆ๐๐ฅ๐๐ ๐๐ฃ๐๐ง๐๐๐ ๐ก๐ข๐ง ๐ฆ๐๐ฅ๐ฅ๐ ๐๐ฌ ๐๐๐๐ฌ๐๐ง๐ข.
Yeroo malee Ajandaa hin taane fiduun kun akkanumaan waan dhufe miti; itti yaadamee herregaan waan godhame.
Silaa amma kan taโuu male, ummata keenya Booranaa haala hamtuu keessa jiru dandamachiisuu fi dhaqqabuuf duula Oromoon akka sabaatti jiru daran jabeessanii itti fufsiisuu dha.
Akkamitti haala ummatni kun bifa gaddisiisaa kanaan waan of harkaa qabu cufaan harcaโaa jiruu ajandaan ummata gara biraatti harkisu bocama? Kun itti yaadamee kan godhame; galii mataa isaa qaba.
Oromoon garuu kana beekuu dandaโuu dha qaba. Osoo taโees kan falmannu ganda, ona ykn godinaa osoo hin taane akka biyyaatti Oromiyaa falmanna. Akka sabaatti mirga mulqame falmanna.
Warri aangoo biyya bulchuu of harkaa qabna jedhanis marii fi fedha ummataan alatti caasaa qubsumaa ummatni barootaaf ittiin jiraate waljala dhahuun diigumsa uumuu irraa of qusatuu qaban.
Fedhiin ummataa keessa hin jiru taanaan, yaadni ummata harkaa hin fuudhamne taanaan deemsi abbaa irrummaa akkanaa dhaabbachuu fi ajandaan ummata gidduutti goolii uumu kun kaโuu dha qaba.
Ajandaa waldura nama dhaabu amma akka haaraatti bocamee gadi baโe kanaan ummatni keenya tokkummaan isaa akka hin sharafamneef ciminaan eeggachuu qaba jechaa, ammas xiyyeeffannaan keenya ummata keenya baraaruutti haa deebiโuun dhaamsa keenya.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *