๐ƒ๐ฎ’๐š๐š๐ง ๐๐จ๐ช๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐๐ฎ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐€๐๐Ž) ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐’๐ก๐ข๐›๐จ๐จ

Bara 2018 wayta Hogganni ABO gara biyyaatti deebiโ€™u, simannaa Jila ABO Onkoloolessa 06,2018 magaalaa D.Doollootti godhame kanneen adda durummaan qindeessaa turan keessaa isaan tokko turan.

Ijoo Dubbii ABO โ€“ Bitootessa 03, 2023

Jaal Qannoo Shiboo du’aan addunyaa kana irraa godaanuu gaafa dhageenyu gadda guddatuu nutti dhagahame.

Jaal Qannoo Shiboo Lixa Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa Ona Sayyoo magaalaa D.Doolloo ganda 04 bakka Dhanqaa jedhamutti dhalatanii guddatan.

Jaal Qannoon umrii isaanii ijoollummaa irraa kaasanii jireenya hawaaaummaa ijoolummaa irraa kaasee nama beekan, hawaasa keessatti dhalatanii guddatan keessatti nama jaalatamaa fi kabajamaa akka taโ€™an seenaan jireenyaa isaanii ni ibsa.

Jaal Qannoon guyyaa gaafa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n durfamutti miseensoman irraa qabee dirqamoota dhaabni isaanii itti kenne hifadhe, dadhabe osoo hin jedhin nama of kenniinsaan qooda isaan irraa eegamu sadarkaa oliitti baโ€™ataa turanii dha.

Jaal Qannoon, bara saayinsii fi tekinolojiin akka har’aa kana diriiree quunnamtiin bifa salphaan hin babal’atin, bara geejjiba argatanii bakka bakkatti imaluun salphaa hin turre keessa, yeroo ABOn Mootummaa Ceโ€™umsaa keessaa baโ€™e nama dirree Dhihaa fi Dirree Bahaa wal quunnamsiisaa turanii dha.

Yeroo ulfaataa fi danqamaa sana keessa dhaaba keenyaaf utubaa fi dagalee tahuun dirree Dhihaatti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deebisee gadi dhaabuuf hojii ABOn hojjataa ture keessatti yaadaa fi qaamaan, maallaqaa fi waan qaban cufaan qabsoo tumsuuf shooraa guddaa taphataa turan.

Erga dhaabni Chaartaa bahee hawaasa keessattis hojii gara garaa osoo hojjetanuu, gara maayiitti gaafatamaa Tele D.Doolloo taโ€™anii osoo hojjetanii, sab-boonummaa qabanii fi miseensummaa ABOn yakkamanii mootummaa abbaa irree yeroo sanaa TPLF/EPRDFn waggoota kudhaniif mana hiraarsaa Maa’ikalaawwiitti hidhamuun hiraarfamaa turan.

Bara 2018 wayta Hogganni ABO gara biyyaatti deebiโ€™u, simannaa Jila ABO Onkoloolessa 06,2018 magaalaa D.Doollootti godhame kanneen adda durummaan qindeessaa turan keessaa isaan tokko turan.

Jaal Qannoon miseensota cichoo fi amanamoo D. Doolloon Oromoof gumaachite qofa osoo hin taane, hooggana D.Doolloo fuul-duraatiif kan ABOn abdii guddoo irraa qabu turan.

Guyyaan oolchaa hin qabu; gaafa dhufu gaarii fi hamaa jedhee addaan hin baasu. Jaal Qannoo Shiboo umrii isaanii ganna 73tti guyyaa kalesssaa Bitootessa 02, 2023 dhukkubsatanii Hospitaala Naqamteetti osoo yaalamaa jiranii duโ€™aan boqotan.

Har’a Bitootessa 03,2023tti bakka maatiin, jaallan isaanii, miseensotnii fi deggertootni akkasumas hawaasni magaalaa D.Doolloo hedduun argamanitti sirni awwaalcha isaanii gaggeeffameera.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n jaala kutataa fi murataa, osoo roorroon diinaa fi rakkoon yeroo hin jilbeenfachiisin haala kamuu keessatti dirqama dhaabni isaanii itti kennaa ture baโ€™achaa turan kana du’aan of biraa dhabuutti gadda itti dhagahame ibsataa, maatii, firoottanii fi Jaallan isaaniif obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsaโ€™aan Ni Kufa; Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 03,2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO