Waldaa Gargaarsa Oromoo /Oromo Relief Association (ORA) ummata keenya Kibba Oromiyaa Booranatti balaa hongeen miidhaa hamaa keessa jiraaniif gaafa Bitootessa 2/3/2023 gargaarsa qaqqabsisee jira.

Waldaa Gargaarsa Oromoo /Oromo Relief Association (ORA) ummata keenya Kibba Oromiyaa Booranatti balaa hongeen miidhaa hamaa keessa jiraaniif gaafa Bitootessa 2/3/2023 gargaarsa qaqqabsisee jira.

Waldaan Gargaarsa Oromoo ORAn ummata keenya Godina Booranaa Hongee fi Beelaan miidhamaa jiraniif gargaarsa godhe.

Waldaa Gargaarsa Oromoo /Oromo Relief Association (ORA) ummata keenya Kibba Oromiyaa Booranatti balaa hongeen miidhaa hamaa keessa jiraaniif gaafa Bitootessa 2/3/2023 gargaarsa qaqqabsisee jira.

ORAn magaalaa Finfinnee irraa ka’ uun ummata Oromoo Booranatti beelaa fi dheebuu hamaa keessa jiran lubbuu oolchuu fi dandamachiisuuf akkasumas, rakkinicha waliin qooddachuuf yaadaa fi xiyyeeffannoo keessa erga galcheen booda gara Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti imale.

Ummata gandoota magaala xiqqoo Halloona jedhamtu Aanaa Areeroo kan taatee fi maqaalaa godinichaa Yaaballoo irraa KM 50 ol fagaattee argamtuuf gargaarsa Midhaan Nyaataa Boqqoolloo dheedhii Kuntaala 100, Barmeela Bishaanii abbaa Litira 160, 80 harka ummata baay’ee rakkataniif akkaataa itti wal isaan gahuun qoodeefii jira.

Gandi Halloonaa sababa daandiin konkolaataa mijataa fi haala qabeessi hin jirreef gargaarsi bifa garagaraatiin godinichaaf godhamaa jiru illee isaan bira gahaa akka hin jirre imimmaan harcaasaa fi hanga rakkoo isaanii illee sirriitti ibsachuu dadhabaniitti hudhamaa namatti dubbatu.

Haalli rakkinichaa hanga dubbatamuu fi tilmaamamuu ol yemmuu ta’u furuuf illee gargaarsa guddaa fi karoora dheeraa gaafata.Walumaagalatti Gandootni magaalaa xiqqoo baadiyaa Halloonaa Aanaa Areeroo magaalaa Yaaballoo irraa KM 50 fagaatanii argaman kunneen hanqinoota akka Bishaanii %100 kan qaban, ibsaan tasa kan hin jirree fi ummanni waan nyaatuu fi dhugu dhabee baay’ee rakkataa jiraachuu ORAn gargaarsa xiqqoo godheef kanaan rakkoo ummatichi keessa jiru erga hubateen booda, ummaticha waliin marii bal’aa godhee gara fuulduraatti akkaataa rakkoolee kanaaf furmaata bu’uuraa fiduun danda’amu illee yaada keessa galchuun ummatichatti abdii horee jira.

Ilmaan Oromoo guutummaa Oromiyaa irraa goodinichaaf gargaarsa garagaraa gochaa jiran Aanaa Areeroo fi gandoota ishee jalatti argaman rakkina gaddisiisaa keessa jiraniif xiyyeeffannoo akka godhan kan jedhus dhaamsa ummatichaa ti.

Maddi: Fuula Facebookii Oromo Relief Association-ORA

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO