Seenaa Gabaabaa Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa

Seenaa Gabaabaa Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa

Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa akka mana hidhaatii bahaniin, wayta ABOn EPRDF waliin waliigaltee godhee Mootummaa Cahumsaa keessa yeroo seenu dhaabatti dabalamanii dirqama itti kenname bahachuutti seenan. Akka kanaan kursii mana maree (paarlamaa) ABOf kennametti ABO bakka bu’uun muudaman.

Seenaa Gabaabaa Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa

Adda Bilisummaa Oromoo – Bitootessa 07,2023

Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa

Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa Godinaa Shawaa Lixaa Ona Ada’aa Bargaa Araddaa Holotaa ganda Duufuu jedhamtutti Fulbaana 23,1945tti dhalatan. Barnoota isaanii hamma jiddu-galaa magaalaa Finfinneetti baratanii akka umriin isaanii hojiidhaaf ga’een hojii raayyaa eeyduu (kibur zabanyaa)tti mindaawanii hojjechaa turan.

Jaal Damiseen gama biraatiin jaarmayaan Maccaa fi Tuulamaa Finfinnee keessatti gaafa bu’uureffame irraa jalqabee qooda keessaa fudhachuudhaan Oromoota naannawa sanii sab-boonummaa Oromoo barsiisanii Oromummaa isaaniitti akka boonan nama godhaa turanii dha.

Hujii raayyaa (kibur zabanyaa) tan waggoota 11f keessa turan dhiisanii warshaa sibiilaa kan naannoo Aqaaqii jiru keessatti hojjetaa warshichaa ta’anii hojjechuu jalqaban. Achi keessatti bakka bu’ummaan hogganoota waldaya hojjattoota Itophiyaa keessaa nama tokko ta’an. Osoo hin turin aangoo itti aanaa presidentiitti filamanii hojjechaa turan.

Bara 1976 gaafa ABOn Finfinneetti bu’uureffamu qoodni Jaal Damisee haalaan guddaa ture. Yeroo kanatti Jaal Damiseen hujii fi aangoo qabanitti dhimma bahanii ummata Oromoo dammaqsuu fi miseensa ABO taasisuu irratti ciminaan hojjachaa turan. Hujii dhaabaa hojjataa turan kanaan shakkamanii Amajjii 30,1980tti mana hidhaa Saayibeeriyaa ja’amu kan waajjira Dargii Arat Kiilootti waggaa lamaaf hidhamanii dararamaa turan. Mana hidhaa kana keessatti waggaa lamaaf dararaan erga irratti raawwatameen booda, mana hidhaa Maa’ikalaawwii jedhamutti dabarsaman. Waliigala waggoota 11 oliif mana hidhaa turanii, gaafa mootummaan Dargii kufu Caamsaa 23,1991tti hidhaa irraa bahan.

Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa akka mana hidhaatii bahaniin, wayta ABOn EPRDF waliin waliigaltee godhee Mootummaa Cahumsaa keessa yeroo seenu dhaabatti dabalamanii dirqama itti kenname bahachuutti seenan. Akka kanaan kursii mana maree (paarlamaa) ABOf kennametti ABO bakka bu’uun muudaman.

Mana hidhaatii gaafa bahan dhukkuba onnee hamaan qabamanii waan turaniif, dhukkubni kunis itti hammaachaa deemuu irraa gargaarsa warri Fannoo Diimaa fi Amnesty International godhaniifiin bara 1992 keessa wal’aansaaf gara biyya Hoolaand deeman.

Waxabajjii 17,1992 ABOn Mootummaa Cehumsaa keessaa bahuun Jaal Damisee biyyatti deebi’uu hanqise. Wal’aansa isaanii xumuratanii jalqaba bara 1993tti karaa Amerikaatiin biyya Kanaadaa magaalaa Torontoo dhufanii jiraachuu jalqaban. Akka biyya Kanaadaa dhufaniinis Hawaasa Oromootti makamanii wal’aansoo biyya alaatti godhamtu irraa qooda fudhachuutti seenan.

Karaa biraa Oromoota biyyaa baqatanii Kanaadaa qubachuuf dhufan akka dafanii xalayaa qubsumaa argatan taasisuu irratti nama hedduu gargaaraa turan.

Jaal Damiseen miidhaa mana hidhaatti isaan irra gaheen bara dheeraaf dhukubsataa waan turaniif, dhukkubuma kanaan Gurraandhala 28, 2023 mana jireenya isaanii keessatti kufuun gara mana waldhaansaa geeffamanii yaalamaa osoo jiranuu Bitootessa 04, 2023tti boqatan.

Waliigalatti Jaal Damiseen nama sab-boonaa, qabsa’aa jabaa fi arjaa ofii rakkatee nama rakkataa gargaaru turan. Nama naamusaa fi amala bareedaa qabanii dha. Jaal Damisee Kabbadaa Sardaa, Bilisummaa Ummata Oromoo tan jiruu fi jireenya isaanii itti dhaban arguullee baatan, qabsoon Oromoo iddoo irraa of duuba hin deebine gahuu isii nama argan waan ta’aniif, Rabbiin lubbuu isaanii jannataan nuuf haa qananiisu jenna. Maatii, firoottanii fi jaallan isaanii hundaaf ammoo obsaa fi jajjabina hawwina.

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 07,2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO