Nyamar, Gindabaratii fi naannoo san irra xayyaarri waraanaa MIIGII jedhamu marsaa jiraachuullee oduun kun dabalee hubachiisa.
๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ซ๐๐ ๐ ๐๐ง๐๐ฆ๐ ๐ค๐๐ง๐ ๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข ๐ซ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐๐๐ง ๐ง๐๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐ ๐๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐๐ซ๐๐ฆ๐.
Bitootessa 09,2023 ganama harโaa Godina Lixa Shaggar Ona Daannoo bakka Qaallee jedhamutti haleellaa xayyaaraa ganda ummataa irratti mootummaan raawwateen yo xiqqaate namootni 7 ajjeesamuu jiraattotni naannoo gabaasaa jiru. Maanguddoo ganna 68 Obbo Abdiisaa Bakaree jedhaman kanneen ajjeesaman keessatti akka argamanis odeessi ummataa kun dabaluun addeessa.
Miidhaan kun kan dhaqqabeef sababa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) rukutuu jedhuun akka taโe oduun ummata keessaa argame kun ifa godha.
Nyamar, Gindabaratii fi naannoo san irra xayyaarri waraanaa MIIGII jedhamu marsaa jiraachuullee oduun kun dabalee hubachiisa.
Mootummaan Bilxiginnaa amma duras eeggannoo tokko malee irra deddeebiidhaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) rukutuu jedhuun gandeen ummataa keessatti tarkaanfii qilleensa irraa fudhataa tureen ummata nagaa meesha-maleeyyii dhibboota hedduun ajjeesuu, qaamaa hirโisuu, manneenii fi qabeenya ummataa barbadeessaa turuun kan yaadatamuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *