๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐š ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ ๐…๐š๐ฅ๐ฆ๐ฎ ๐Š๐š๐ง ๐ˆ๐๐ข๐ฅ ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š, ๐€๐ฆ๐ง๐ข๐ฌ๐ญ๐ข๐ข ๐ˆ๐ง๐ญ๐š๐ซ๐ง๐š๐š๐ฌ๐ก๐ข๐ง๐š๐š๐ฅ ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐“๐จ๐จ๐ซ๐š ๐๐ฎ๐ง๐ง๐š๐ฆ๐ญ๐ข๐ข ๐‡๐š๐ฐ๐š๐š๐ฌ๐š๐š ๐œ๐ฎ๐Ÿ๐ž ๐ƒ๐š๐๐๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ข๐ข๐ง ๐€๐ค๐ค๐š ๐๐š๐ง๐ฎ ๐†๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐ž

Uggurri Mootummaan PP Miidiyaalee Hawaasaa irra kaa’e Ji’a 2ffaa qabate

๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐ง๐ง๐ข ๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐š ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ ๐…๐š๐ฅ๐ฆ๐ฎ ๐Š๐š๐ง ๐ˆ๐๐ข๐ฅ ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š, ๐€๐ฆ๐ง๐ข๐ฌ๐ญ๐ข๐ข ๐ˆ๐ง๐ญ๐š๐ซ๐ง๐š๐š๐ฌ๐ก๐ข๐ง๐š๐š๐ฅ ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐“๐จ๐จ๐ซ๐š ๐๐ฎ๐ง๐ง๐š๐ฆ๐ญ๐ข๐ข ๐‡๐š๐ฐ๐š๐š๐ฌ๐š๐š ๐œ๐ฎ๐Ÿ๐ž ๐ƒ๐š๐๐๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ข๐ข๐ง ๐€๐ค๐ค๐š ๐๐š๐ง๐ฎ ๐†๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐ž

Mootummaan Itoophiyaa uggura waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa filatamoo taโ€™an irra kaaโ€™e kan jiโ€™a lammaffaa isaa qabate daddaffiin akka kaasu gaafate Amnistii Intarnaashinaal ibsa tibbana baaseen.

Amnistii Intarnaashinaalitti Itti aantuu Daayreektaraa Godinaa Bahaa fi Kibba Afrikaa kan taate Filaaviyaa Miwaangoovaa, โ€œAngawoonni mirga bilisummaa yaada ofii ibsachuu namootaa sarbuu itti fufaniiru; kunis bilisummaa odeeffannoo barbaaduu, fudhachuu fi dabarsuu kan dabalatuu dha.โ€ jedhan.

Itti fufuunis, aanga’oonni Itiyoophiyaa ji’a tokkoof, namoonni biyyattii keessa jiran waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa filatamoo kanneen akka Feesbuukii, Telegiraamii, TikTok fi Yuutuub akka hin fayyadamne ugguran. Haala kanaan angawoonni mirga bilisummaa yaada ofii ibsachuu namootaa sarbuu itti fufaniiru; kunis bilisummaa odeeffannoo barbaaduu, fudhachuu fi dabarsuu kan dabalatuu dha jechuun danqaa murni Bilxiginnaa kaahe morman.

Uggurri waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa filatamoo irratti raawwatame kun mirga lammiileen bilisummaan yaada ofii ibsachuu fi odeeffannoo argachuuf qaban akkasumas heeraa-seera biyyattiinii fi waliigalteewwan naannoo fi idil-addunyaa Itophiyaan miseensa taate ifatti kan sarbu tahuu kan eeru Amnistii Intarnaashinaal, uggurri kun galmee biyyattiin bilisummaa miidiyaa irratti qabdu kan duraanuu gaddisiisaa taโ€™e daran xureessa jedheera.

Amnistii Intarnaashinaal, angaโ€™oonni Itoophiyaa uggura kana osoo hin tursiisin kaasuudhaan, aadaa mirga ummanni yaada isaanii ibsachuu fi odeeffannoo barbaaduu fi fudhachuu gidduu seenuu kanatti xumura gochuu qabu jechuun dhaame.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO