Marii Imaammata cehumsa haqaa kanneen morman paartileen mormitootaa walgahii addaan kutanii bahan.

<strong>Marii Imaammata cehumsa haqaa kanneen morman paartileen mormitootaa walgahii addaan kutanii bahan.</strong>

Walgahii marii Imaammata cehumsa kana kan qopheesse Garee Ogeessota Imaammata Cehumsa Haqaa ta’uun kan ibsame yoo ta’u, akeekni marichaa galtee imaammata cehumsa haqaaf walitti qabuu kan jedhu akeekkatee akka ta’etu himame.

Marii Imaammata cehumsa haqaa kanneen morman paartileen mormitootaa walgahii addaan kutanii bahan.

Qabxii filmaataa imaammata cehumsa haqaa irratti guyyaa kaleessaa marii magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa oole irratti kanneen hirmaatan bakka bu’oonni paartilee siyaasaa marii sana mormuun walgahicha dhiitanii bahaniiru.

Paartileen mormitootaa maricha mormuun bahan, Marii imaammata cehumsaatiin dura mariin biyyoolessaa geggeeffamuu qaba, saniin alas lollii fi walitti bu’iinsi biyyattii keessaa dhaabbachuu qaba jechuun akka morman ibsameera.

Walgahii marii Imaammata cehumsa kana kan qopheesse Garee Ogeessota Imaammata Cehumsa Haqaa ta’uun kan ibsame yoo ta’u, akeekni marichaa galtee imaammata cehumsa haqaaf walitti qabuu kan jedhu akeekkatee akka ta’etu himame.

Gareen ogeeyyotaa walgahii isaa kaleesa Bitootessa 10,2023 gegeesse kun walgahii lammaffaa oggaa ta’u, walgahiin isaa inni jalqabaa ogeeyyii midiyaa fi dhaabbilee sivikii waliin Kibxata darbe taasisuu maddi oduu kun ifoomseera.

Marii Paartilee Siyaasaa waliin Finfinnee Hoteela “Inter legjer”tti kaleessa geggeeffame kana irratti ogeeyyiin walgahicha qopheessan ibsa ogummaa hirmaattotaaf erga laatanii booda, akka yaada kennaniif carraan bakka bu’oota paartilee siyaasaaf kennamee paartileen siyaasaas yaadota jajjaboo ta’an dhiyeessaniiru jechuun maddeen eeraniiru.

Yaanni gama paartilee siyaasaan kenname haqni ce’umsaa kun yeroo kan eeggate akka hin taane, dhimmoota marii biyyoolessaa irratti qooda inni qabuu fi haala nageenya biyyattii keessa jiru kan giddu-galeessa hin godhanne ta’uu ibsanii, dursa argachuu kan qabu jeequmsaaf fala kaa’uu fi mariin biyyoolessaa dursuu kan qabu ta’uu kaasan. Rakkoon jiru rakkoo siyaasaa ti malee dhimma haqaa qofa miti jechuudhaan paartileen siyaasaa mormii mul’isan, yaada waloo irratti wal ta’uu isaaniitu ibsame. Utuu marii siyaasaa hin taasisin marii dhimma haqaa taasisuun tartiibni isaa wal darbeera jechuudhaan ejjennoo akka qabatan gabaafameera.

Karaa biraatiinis ce’umsi haqaa kun qaama komishinii marii biyyoolessaa ta’uu qaba malee qofaa isaa dhiyaachuu hin qabu kan jedhus gama paartilee siyaasaan ka’uu maddeen gabaasaniiru. Amanamummaa haqa ce’umsaa kana irrattis shakkii akka qaban paartileen siyaasaa kunniin ibsuu maddeen itti dabaluun ifoomsaniiru.

Gama qopheessitoota waltajjii kanaatiin deebii kennameen, komishiniin marii biyyoolessaa fi haqni ce’umsaa adda adda ta’uu ibsuudhaan “haqni ce’umsaa ariitiidhaan raawwatamuu kan qabuu dha, haga mariin biyyoolessaa xumuramutti eegamuun hin danda’amu jechuun yaada isaanii laatuun ibsameera. Akka waliigalaatti paartileen siyaasaa waltajjicha irratti hirmaatan dhiitanii ba’uun waltajjicha akka bu’aa dhabsiisantu ibsame.

Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa mudate kana paartiin aangoo irra jiru kabeebsaadhaan ykn fafakkeessaadhaan bira darbee aangoo dheereffachuuf yaalus milkaa’aa hin jiru. Mootummaan Itoophiyaa qorannoo komishiniin mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii miidhaa lola keessatti qaqqabee fi haala qabiinsa mirga namaa qorachuuf sochii taasisaa jiru mormuudhaan ajandaa haqa ce’umsaa jedhamu kanaan bira darbuu barbaada. Akkasumas gaaffii paartileen siyaasaa kaasan paartiin biyya bulchu ofii qindeessuudhaan maqaa komishinii marii biyyoolessaa jedhuun sochii inni taasisaa jirus fudhatama dhabaa jira jechuun maddi oduu SQ gabaaseera.

Kaayyoon haqa ce’umsaa kun yommuu ibsamu dhugaa barbaaduu, miidhamtoota hirphuu ykn deeggaruu fi araara buusuu yommuu ta’u, yaadicha kan dhiyeesse mootummaa, dhugaas kan dabse mootummaa ta’uu isaa irraa fudhatamni haqa ce’umsaa jedhamu kun kan nama shakkisiisu ta’uunis ibsameera.

Torban darbe keessa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) dabalatee paartileen siyaasaa 16 adeemsa marii biyyoolessaa irratti gamtaa uummachuudhaan haala komishiniin marii biyyoolessaa itti deemaa jiru hirmaachisaa fi hunda-galeessa akka hin taane ibsuun isaanii ni yaadatama.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO