Sab-boonaa fi Qabsaโ€™aa Oromoo Art.Zarihun Wadaajoo Waldahansaaf Biyya Alaa Geessame Haala Yaaddessaa Keessa Jiraachuu Maatiin Dubbatan.

Sab-boonaa fi Qabsaโ€™aa Oromoo Art.Zarihun Wadaajoo Waldahansaaf Biyya Alaa Geessame Haala Yaaddessaa Keessa Jiraachuu Maatiin Dubbatan.

Artist Zarihun erga Hindii dhaqqabeen booda ogeeyyiin fayyaa dursa miili isaa lamaan yaalamuu akka qabu maatiitti himuu kan ibse BBCn, haaluma kanaanis miili isaa lamaan waldhaansi baqaqsanii yaaluu akka godhameef, BBCn haadha warraa Art.Zarihun Wadaajoo waabeffachuun gabaaseera. Erga waldhaansi baqaqsanii yaaluu godhameefiin booda garuu dhukkubsatuu, dubbachuu dadhabuu fi dhibeen isaa itti hammaatuu Aadde Olaantuun BBCitti dubbataniiru

Sab-boonaa fi Qabsaโ€™aa Oromoo Art.Zarihun Wadaajoo Waldahansaaf Biyya Alaa Geessame Haala Yaaddessaa Keessa Jiraachuu Maatiin Dubbatan.

Sirboota qabsoo, geerarsootaa fi weelluwwan garagaraan kan beekamu qabsaโ€™aa sab-boonaa Oromoo Art.Zarihun Wadaajoo dhibeen isaa itti hammaatuu maatiin isaa BBCtti himuu dhaabbatni oduu kun gabaaseera.

Waggoota 45 oliif wellisaa kan ture Art.Zarihun Wadaajoo dhibeen isaa erga itti jabaatee booda baatii tokko dura waldhaansaaf gara biyya Hindiitti ergamuu BBCn gabaaseera.

Art.Zarihun Wadaajoo waliin gara Hindii kan imalan haati warraa isaa Aadde Olaantuu Gammachuu, haala fayyaa isaa irratti yaaddoo qaban mulโ€™isaniiru jechuun BBCn Afaan Oromoo ifoomsee jira.

Dhibeen isaa ijoon amma dura isa ciibsaa ture dhukkuba Kalee taโ€™uu maatiin amma dura ibsuu kan yaadachiise BBCn, dhibeema kana waldhaanuudhaaf gara Hindii Hospitaala โ€œSuppermaksโ€ jedhamu kan geeffame jechuun gabaaseera.

Artist Zarihun erga Hindii dhaqqabeen booda ogeeyyiin fayyaa dursa miili isaa lamaan yaalamuu akka qabu maatiitti himuu kan ibse BBCn, haaluma kanaanis miili isaa lamaan waldhaansi baqaqsanii yaaluu akka godhameef, BBCn haadha warraa Art.Zarihun Wadaajoo waabeffachuun gabaaseera. Erga waldhaansi baqaqsanii yaaluu godhameefiin booda garuu dhukkubsatuu, dubbachuu dadhabuu fi dhibeen isaa itti hammaatuu Aadde Olaantuun BBCitti dubbataniiru.

Zarihun amma of wallaalee haala sodaachisaa keessa jira kan jedhan Aadde Olaantuun, ogeeyyotni fayyaa garuu dhukkuba isa mudate yaaluuf waan dandaโ€™an godhaa jiru erga jedhanii booda, โ€œYoo Waaqayyo biraa dhufe inuma fayyaโ€ jechuun amantaa qaban ibsaniiru.

Waldhaansa Art.Zarihun Wadaajoof walumaagalatti birrii miliyoona 2 kan deggere abbaa qabeenyaa bishaanii โ€œGoldโ€ taโ€™uu maatiin himuun, amma illee ogeeyyotni fayyaa waldhaansa isaaf maallaqa dabalataa Doolaara Amerikaa 14,000 akka barbaachisu itti himuu Aadde Olaantuun BBCitti himaniiru. Aadde Olaantuun namootni biroon waldhaansa Zarihuniif barbaachisu dabalataan akka gargaaran waytuma kana gaafatuun, Zarihun fayyaa isaa duraatti akka deebiโ€™uuf hawaasni Oromoo kadhannaa isaaniitiin na cina haa dhaabbatan jechuun gaafataniiru.

Intalli Art.Zarihun Wadaajoo shamarreen ganna 23 Yunversitii barattu abbaan koo naa fayya taanaan kalee koo nan gumaachaaf jechuu ishee maatiin Zarihun ibsuu BBCn gabaaseera.

Wallisaa , qabsaโ€™aa fi sab-boonaa Oromoo Art.Zarihun Wadaajoo nama jabaa, murataa fi goota taโ€™uu hojiin isaa kan isa ibsu oggaa taโ€™u, deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ammoo hojii aartii isaatiin as hafee kan hin qabne, sadarkaa oliitti dirqama isaa kan baโ€™ate, dhaloota dammaqsaa, qaraa fi qabsootti guddisaa kan ture, qabsaโ€™aa seena qabeessa dha.

Sagaleen Bilisummaa Oromoos Art.Zarihun Wadaajoo dhibee isaa irraa fayyee, gara nageenya isaatti akka deebiโ€™u hawwa.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO