Hawaasni Karrayyuu duguuggaa Muddee 01, 2021 humnoota mootummaatiin Hogganoota Gadaa isaatii irratti raawwatameef osoo haqa hin argatin itti fufiinsaan haleellaa marsaa biraa keessummeessaa jira,
Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kanaadaa, haleellaa itti fufiinsaan hawaasa Oromoo Karrayyuu irratti raawwatamaa jiru balaaleffate.
Miidhaa Hawaasa Oromoo Karrayyuu mudataa jiru ilaalchisuun ibsa kan baase Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kaanaadaa, haleellaa itti fufiinsaan hawaasa Oromoo Karrayyuu irratti raawwatamaa jiru cimsee balaaleffateera.
Haleellaa dhiheenya Humni Milishaa Amaaraa Hawaasa kana irratti raawwateen Miseensa Jila Gadaa Michillee duguuggaa waggaa tokkoon dura Tuuta Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame irraa lubbuun oolan, Hawaas Maatoo Booraa ajjeefamuu yaadachiisuun, Tibbana ammoo humnoonni mootummaa Qe’ee Abbootii Gadaa Ona Fantaallee bakka Karraa jedhamutti argamu weeraranii miidhaa garaagaraa hawaasicha irraan qaqqabsiisuu addeesseera.
Gocha Humnoonni mootummaa raawwatan kanaan Horsiisee bultoota nagaan qe’ee isaanii jiraatan reebichi hamaan, saamichii fi hidhaan kan isaan irratti raawwatame tahuu fi meeshaan ittiin of tiksanis humnaan irraa hiikamuun balaaf akka saaxilaman godhamuu ibsa isaa kanaan hawaasni Oromoo Kanadaa ifa godhee jira.
Hawaasni Karrayyuu duguuggaa Muddee 01, 2021 humnoota mootummaatiin Hogganoota Gadaa isaatii irratti raawwatameef osoo haqa hin argatin itti fufiinsaan haleellaa marsaa biraa keessummeessaa jira, har’as nagaan qe’eesaa jiraachuuf hin dandeenye jedheera ibsi hawaasa Oromoo Kanadaa kun.
Hawaasni kun WBO of keessa dhoksitaniittu jedhamuun qaama mootummaan dararamaa jira; Gama biroon humnoonni Amaaraa weerara lafaa gara qabiyyee hawaasichaatti taasisaniin ajjeechaa, buqqaatii fi saamicha lafaa geggeessaa jiraachuu ifa gochuun miidhaan Karrayyuu irra ga’aa jiru cimaa ta’uu addeessa.
Gochi gama hundaan Hawaasa kana marfama keessa galchuun dhabamsiisuuf raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatu Tokkummaan Hawaasa Oromoo Kanadaa gaafateera.
Gochi uummaticha irratti itti fufiinsaan raawwatamu kun sarbama Mirga Namoomaa, Mirga Lubbuun jiraachuu uummatichaa kan mulqe waan taheef, hatattamaan dhaabbachuu akka qabu kan gaafate Tokkummaan Hawaasa Oromoo kun, Dhaabbileen Idil-addunyaa Mirgoota Dhala namaaf falman miidhaan itti fufiinsaan hawaasa Karrayyuu mudataa jiru xumura akka argatuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan gaafateera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *