Diraamaa Gamaa fi Gamanaa

Diraamaa Gamaa fi Gamanaa

Dhugaa yo dubbanne Oromoof jijjiiramni sirna PP jalatti dhufe hin jiru.

Diraamaa Gamaa fi Gamanaa

Hiriirri gamaa fi gamanaa kun Oromoo waan fayyadu hin qabu. Paartiin PP waggoota shanan darban kana jijjiirama ajaaโ€™ibaa waan argamsiiseef baโ€™aa na deggeraa jedhee deggertoota isaa hiriira baasuuf yoo yaalu mulโ€™ataa jira.

Nafxanyootni, finxaaleyyiinii fi deggertootni isaanii ammoo Itophiyaa dullattii isaanii durii fi sirna fokkisaa kaleessaa san Oromootti deebisuuf bulchiinsa waggoota shanan darbanii bara bittaa PP balaaleffatu. Diraamaan agarsiisamaa jiru ajaaโ€™ibuma!

Dhugaa yo dubbanne Oromoof jijjiiramni sirna PP jalatti dhufe hin jiru. Mee maaltu Oromoof argame.

Waggaan shan barri bittaa PP Oromoof dhuguma bara jijjiiramaa fi Oromoon waan irra wayyaโ€™aa argatee dha moo bara itti akka baalaa harcaโ€™ee dha? Qeโ€™een Oromoo hundi qeโ€™ee booโ€™ichaa fi gaddaa taโ€™ee hin jiruu? Duuti, buqqaatiin, hidhaan, baqi, diigumsi akka hawaasaatti baroota shanan darban kana Oromoo mudate galmee seenaa keessaa ifee mulโ€™ata. Siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaan baroota kana Oromoon akka hin jirre taโ€™e.

Bilxiginnaan harโ€™ayyuu Oromoo dhiigsaa jira; qeโ€™ee Oromoo gaddaan uwwisee jira; Oromoo saamee hiyyoomsaa jira; Oromoo jumlaan hidhaatti guuraa jira. Sab-boontota ilaalcha siyaasaa isaanii qofaan hidhaan gidirsaa jira. Miseensota, qondaalotaa fi hoggantoota ABO hidhaa keessatti itti taphataa jira.

Sochii dhaabota Oromoo warra ummata biratti dhageettii fi fudhatama qaban ugguree gadi qabaa siyaasaa guddaa irraan gaโ€™aa ture; harโ€™as itti caale malee irraa hin wayyoofne.

Rakkoo siyaasaa jiru dhaabota Oromoo haqaan ummata isaaniif falman akka ABO faa waliin gadi taaโ€™ee furuuf fedha hin qabu. Dhugaatti araara buusee mooraa Oromoo keessatti tasgabbiin akka buโ€™uuf murannoo fi hamilee isaa itti hin qabu. Tooftaa yeroo fi kan yeroo rakkinaa ittiin darban godhatee afaaniin waaโ€™ee Oromiyaa fi ummata keessatti nagaa buusuu dubbata. Isa kana aka tooftaa yerootti itti dhimma baโ€™aa jira malee dhuguma Oromoo fi dhaabota Oromoo waliin nagaa buusuuf barbaadee akka hin taane deemsi shiraa itti jiru ni mulโ€™isa.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO