Gootota Wareegamtoota Oromoo

Gootota Wareegamtoota Oromoo

Ebli 15 Guyyaan Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo Bara Baraan Yaadatama!

Kabajaa fi Ulfinni Gootota Wareegamtoota Keenyaaf!

G  o  o  t  o  t  a    W  a  r  e  e  g  a  m  t  o  o  t  a    O  r  o  m  o  o

Ifa halaala irraa mul’attu, haqa waldhaansoon dhuunfatamtu, biyya dhiigaan ijaaramtu, dhaloota bilisa biyya walaba irra jiraatu fageenya irratti baroota keessaan ilaalan. Kanaaf, dhugaa ofii argan sabatti agarsiisuuf, abdii halaalaa mul’atu jiruutti dhugoomsuuf, seenaa awwaalametti lubbuu deebisuuf waliin ka’an.

Hammeenyi diinaa, bu’aa ba’iin qabsoo, wareegamni jaallanii, heddumminni akaakuu diina humna isaan hin buufne; akeeka isaanii of duuba hin mil’achiisne. Asxaa hin dokanne, karaa hin aqaaqamne, haqa hin awwaalamne, dhaloota gamtaa qabu, biyya abbaa qabu, saba gurmuu qabu, hawaasa kaayyoo qabu deebisuuf lubbuu ofii jijjiirraa hin qabnetti murteessanii bahan. Dhiiga dhangalaasanii, lubbuu ofii itti wareeganii, jireenya namummaa tuffatanii, dhugaa sabaa qofa akeeka godhatuun Gatii ulfaataa, gaaga’ama hanga hin qabne baasaanii karaa eegalan. KARAA BILISUMMAA!

Xumura isaa tilmaamanii, saba seenaan irraa saamame, aadaa fi duudhaan irraa sarbame ulfinatti deebisuuf  calqaba isaa jabeessan. Calqabni isaan wixinan, seenaan isaan bu’uuran, siidaan isaan ijaaran, xomborri/guci isaan qabsiisan, haqni  isaan deebisan, biyyi isaan toora biyyummaatti galmeessan, faajjiin isaan kaasan, sabni isaan dammaqsan, golgaan isaan ija dhalootaa irraa baqaqsan yoomuu isaanii fi dhaloota gidduutti riqicha yaaddannoo ta’ee jiraata.

Har’as walitti fufiinsaan wareegamni baafamaa jira. Dhalootni dammaqee fi hubate imaanaa abboota irraa fuudhe galii maayyiin ga’uuf gatii lubbuu qaalii itti kaffalaa jira. Qabsaawotnii fi sab-boontotni dhugaa kaayyoo kanaaf waardiyaa dhaabbatan, galma kaayyoo kanaa jabeessanii ijaaruu irratti, galii maayii kaayyoo kanaa milkeessuu irratti akkuma gootota kaleessaa bakkoota qabsoo hunda keessatti hanga lubbuutti wareegama kafalaa jiran. Wareegama gama hundaan qabsoon qabdu  baasuu irratti argaman.

Kaayyoo sabaaf wareegamuun, fedhii sabaaf abboomamuun, of dhiisanii sabaaf jiraachuun lafee isaanii irraa biqile; dhiiga jaallanii irraa madde. Akkasiin irraa baranne; dantaa sabaaf jiraachuu barruu isaan dhiigaan barreessan irraa qoranne.  “Akeeka isaanii irraa hin miliqnu! Dhugaa sabaa irraa hin baqannu!” jennee hirbuu galle; dhiigaa fi lafee isaanii waamnee nu illee kakuu seenne. Asxaa isaan irraa kufan kaafnee bakka isaanii buune. Kanaaf wareegamtoota keenya yaaddanna. Labsiin waliif dhaamna. Gootota sabaa jennee leelloodhaan yaadanna!

Ilmaan Oromoo mirga saba isaaniif, Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa Oromoof osoo falmanii yeroo fi bakka garagaraatti gatii lubbuu qaalii kafalan cufti Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Ebla 15 yaadatamanii oolu. Kanaaf guyyaan kun guyyaa kabajamaa fi ulfaataa dha.

Waan ta’eef, Oromoon guyyaa kana bakkuma jiruu fi haaluma keessa jiru keessatti Ebla 15 guyyaa yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo yaadatee fi kabajee akka oolu ammuma irraa yaadachiisna.

Ebli 15 Guyyaan Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo Bara Baraan Yaadatama!

Kabajaa fi Ulfinni Gootota Wareegamtoota Keenyaaf!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO