Mootummaan Bilxginnaa hidhattoota naannoo Amaaraa hiikkachiisuuf sochii godhe irraa walitti bu’iinsi uumamuu maddeen gabaasan.

Mootummaan Bilxginnaa hidhattoota naannoo Amaaraa hiikkachiisuuf sochii godhe irraa walitti bu’iinsi uumamuu maddeen gabaasan.

Mootummaan federaalaa ibsa kaleessa galgala baaseen humna addaa naannolee gara caasaa nageenyaatti galchuuf hojjechaa akka jiru ibsee, kana hojiitti hiikuuf sochii naannoo Amaaraatti jalqabe irratti danqaa/gufuun isa mudatuu hubachiiseera.

Mootummaan Bilxginnaa hidhattoota naannoo Amaaraa hiikkachiisuuf sochii godhe irraa walitti bu’iinsi uumamuu maddeen gabaasan.

Hidhattootni naannoo Amaaraa keessa jiran, Humni Addaa Naannoo Amaaraa, Milishaa fi humni goolessituu Faannoo hidhannoo keenya hiikkannee caasaa waraanaa mootummaa federaalaa jala hin seennu jechuun diddaa mul’isaa jiraachuu isaanii maddeen oduu garagaraa gabaasaa jiran.

Gama biraan paartileen mormitootaa ummata Amaaraaf falman kan akka ABIN fi Baaldaraas kan qabiyyee Finfinnee falmu ibsa walduraa duubaan gidduu kana baasaniin, humni addaa naannoo Amaaraa, Faannoo fi Milishaan naannichaa hidhannoo isaanii hiikkatanii mootummaa PPtti akka harka hin laanne jechuun yaamicha godhaniiru.

Mootummaan PP osoo haalli yaaddessaan jiruu fi waan geeddarame hin jiraatin hidhattoota naannoo Amaaraa keessa jiran hiikkachiisuuf sossohuun isaa itti gaafatamni itti dhaga’amuu dhabuu mul’isa erga jedhanii booda, mootummaan naannoo Amaaraa sochii mootummaan federaalaa hidhannoo hiikkachiisuuf godhu akka mormu yaamicha godhaniifii jiran.

Mootummaan federaalaa kan PPn dursamu humna addaa naannoo Amaaraa fi hidhattoota biroo irraa hidhannoo hiikuuf sochii godhaa jiru irraa muddamni godinichatti uumamuu kan gabaasan maddeen, naannoo Amaaraa iddoo tokko tokkotti dhukaasni dhaga’amuus hubachiisu. Kaaba Walloo, Qobbootti dhukaasni dhaga’amuu kan eeran maddeen, daandiin Baar-Daar irraa gara Gondor geessu yeroof cufamee turuu eeraniiru.

Mootummaan federaalaa ibsa kaleessa galgala baaseen humna addaa naannolee gara caasaa nageenyaatti galchuuf hojjechaa akka jiru ibsee, kana hojiitti hiikuuf sochii naannoo Amaaraatti jalqabe irratti danqaa/gufuun isa mudatuu hubachiiseera.

Humna addaa naannoo Amaaraa, miliishaas ta’e humna finxaaleyyii gartuu goolessituu Faannoo yeroo ammaa gargar baasuun hin danda’amu, jalqaba kan isaan ijaares mootummaa federaalaa PPn hogganamuu fi mootummaa naannoo Amaaraa ta’uu xiinxaltootni siyaasaa ifa godhaniiru.

Kunis kan ta’e yeroo Kaaba biyyattiitti waraanni deemaa ture, humna TPLF dura ittiin dhaabbachuuf ta’uu addeessuudhaan, kanaanis yakka waraanaa addunyaan ragaa ba’e raawwatuu hubachiisu.

Itti dabaluunis hidhattootni naannoo Amaaraa kunniin keessumaa, humni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhamu Oromiyaa cabsee seenuudhaan weerara ummata nagaa irratti geggeesseen lubbuu ilmaan Oromoo kumootaan bal’eessee, kumoota dhibbaan qe’ee irraa buqqisee, manneenii fi qabeenya ummataa maallaqatti shallaguun ulfaatu akka barbadeesse addeessaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO