Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii wayita turan qorra bakkichaa fi haalota adda addaan rakkachaa turuun isaanii gabaafamaa akkuma ture, Dukamittis rakkoo sana irra ulfaataan isaan mudatee akka jirutu hubatame.

Mana hidhaa Dukamitti kan dabarsaman Hoggantootnii fi Qondaalotni ABO haalli fayyaa isaanii kan duraa irra hammaataa taโuun hubatame
Ebla 19,2023 halkan mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu irraa butamanii gara mana hidhaa Dukamitti kan geessaman Hogganootnii fi Qondaalotni ABO haalli fayyaa isaanii kan duraanii irra hammaataa akka taโe maatiin isaanii dubbataniiru.
Manni hidhaa keessa jiran dhiphaa taโuu, nyaataa fi waldhaansa gaโaa dhabuun darbees uffata dhabanii jiraachuu isaanii maatiin himuun, kanaa fi kkf irraa rakkinni fayyaa isaanii mudatee jiru sadarkaa daran nama yaaddessutti ceโaa jira jedhan.
Hogganoonnii fi Qondaalotni ABO kunniin mana hidhaa keessatti dhibeelee adda addaaf saaxilamuun isaanii yeroo dheeraadhaaf kan gabaasamaa ture oggaa taโu, yeroo ammaa kana mana hidhaa Dukam keessatti nyaanni isaaniif dhiyaatu gaโaa waan hin taaneef, dhibee isaanii kana kan itti hammeessaa jiru taโuu maatiin kan himaniiru.
Miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi qondaalli dhaabaa Jaal Gadaa Gabbisaa amma duras dhukkubsatanii mana yaalaatti deddeebiโaa kan turan yommuu taโu, haala haaraa Dukamitti isaan mudatee jiru ammoo caalaatti dhibee isaanii hammeessuu irraa fayyaan isaanii yaaddessaa akka taโe himameera. Walโaansa gaโaa fi qoricha duraan fudhataa turan illee argachaa akka hin jirre afaan maatii irraa hubachuun dandaโameera.
Gaafa mana hidhaa Buraayyuu irraa baafaman akka Komishiniin Polisii Oromiyaa mariisisuuf isaan barbaadu itti himamee kan baafaman taโuu kan himan maatiin, uffata qorraa fi halkanii illee utuu hin fudhatiin akka achii baafaman himuun, sababa kanaafis qorraan akkaan hubamaa jiraachuu himan. Yeroo ammaa kana bakka itti hidhamanii jiran magaalaa Dukamitti mana hidhaa dhiphaa keessatti hidhamanii rakkoof saaxilamanii akka jiranis barameera.
Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii wayita turan qorra bakkichaa fi haalota adda addaan rakkachaa turuun isaanii gabaafamaa akkuma ture, Dukamittis rakkoo sana irra ulfaataan isaan mudatee akka jirutu hubatame.
Addatti Jaal Kennasaa Ayyaanaa haala fayyaa dhabiinsa ulfaataa keessatti kufee jiru, nyaata nyaachuu dabalatee sochii hunda iyyuu gargaarsa namaatiin kan taasisan taโuu, waldhaansa gaโaa fi nyaata barbaachisu dhabuudhaan qaamni isaanii akkaan gadi buโee miidhamanii jiraachuu maatiin himaniiru.
Hogganootaa fi qondaalota ABO kanneen Manni Murtii bilisa gad-lakkisee, Abbaan Alangees himata homaa akka irraa hin qabne erga ibsee tureera. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas akka gadhiifaman gaafataa turuun kan yaadatamu yoo taโu, sirni mootummaa Bilxiginnaa toora waggoota 4 gaโuuf deemuuf Hogganootaa fi Qondaalota ABO kana haqa isaanii sarbee hidhaa keessatti akka dhumaniif guyyaa eegaafii jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *